🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Kan Nuuf Malu Jireenya ┈•• @Getu_Official ••┈ ▬▬▬▬▬▬▬ ➞ Dhadha | Getu Official

Kan Nuuf Malu Jireenya
┈•• @Getu_Official ••┈
▬▬▬▬▬▬▬
➞ Dhadhaa irraa argachuuf tasa dhama hin raasani,
➞ Bara darbuuf jedhanii hadhaa dubbii hin baasani.
➞ Gufuun nama dhayeedhaaf deemsa dhaabuun fafadha,
➞ Samiirra haabarartus dhumni hallattii lafadha.
➞ Fixeensi kan mul'atu amma aduun ba'utti,
➞ Guddinni warra sobduus hamma yeroon ga'utti.
➞ Alaabaan jal'aa ol ba'es osoo hin tutturiin bu'a,
➞ Muchi hadhaa kuusee baatuus gaaf tokko ofiisaan gu'a.
➞ kan bade bada malee nu hin bannu kakuu dhaalla,
➞ Heddummina jal'ootaa baay'annee dachaa caalla.
➞ Sodaattanii hin rom'inaa nuuf bari'uu fi Aduunii,
➞ Kan nuuf malu jireenya nu hin argatu baduuni.

@Getu_Official
@Getu_Official