. — Telegram Channel

Logo of telegram channel hamiltantv2 — . H
Logo of telegram channel hamiltantv2 — .
Channel address: @hamiltantv2
Inactive
Categories: Uncategorized
Language: English
Subscribers: 872
Description from channel

.

Channel Statistics
210.2% Engagement Rate
1,833 Avg Views / Post
0 Posts / Day

Ratings & Reviews

2.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

1

1 stars

1


The latest Messages

6 Dec 2021
​​Jaalala Ergama Rabbii ﷺ

Abu Ibtisam

Sahaabaan tokko gara Ergamaa Rabbii ﷺ dhufee, “Yaa Ergamaa Rabbii Saa’aan sun (Qiyaamaan) yoom dhaabbatti?” jedhee gaafate. Nabiinis ﷺ “Maal qopheeffattee jirta?” jedhanii gaafiidhaan deebisaa kennaniif. Innis deebisee, “An wanti heddus qopheesse hin jiru. Salaata, soomanaa fi sadaqaanis hagas hunda guddaa miti. Garuu Rabbii fi Ergamaa isaa nin jaaladha” jedhee deebise. Ergamaan Rabbiitis ﷺ, “Ati warra jaalattu wajjiin taata” jedhaniin.
Sahiih Bukhaarii, Kitaaba Adabaa, Hadiisa 6171

Hadiisa biraa keessatti ammoo Namni tokko mu’mina dhugaa jedhamuudhaaf Abbaa, haadha, ilmaan, qabeenyaa fi waan hunda caalaa Ergamaa Rabbii ﷺ jaalachu akka qabnu ibsamee jira. Kanaafuu nutis waan dachii kanarra jiru hunda caala, Nabii keenya jaalachuu qabna.

Akka carraa ta’ee, yeroo ammaa kana jaalalli nuti Ergamaa Rabbiif qabnu jaalala biraatiin ukkaamfamaa jira fakkaata. Kun ammoo nu yaachisuu qaba. Dargaggoonni keenya hedduun isaanii karaa namoota islaamummaan ala jiranii filachuu jalqabanii jiran. Gam tokkoon gara Masjiidaa dhufuun dargaggoota keenyaa yoo nam gammachiisu, garuu akkaataan uffannaa, akkaataan rifeensa itti muratan, akkaataan dubbii isaaniitii fi kanneen biroo ammoo namoota biroo waliin wal fakkaachuun isaa daran nama yaaddeessa. Kanaafuu haga danda’ameen, Yoo Nabii keenya ni jaalanna jennee kan dubbannu taate, Moodeela isaan godhachuu qabna.

Nabi Muhammadiin jaalachuu jechuun Rabbii isaan erge jaalachuu jechuudha. Rabbiin jaalachuun ammoo amantii isaa fi hordoftoota amantii isanii akka jaalannu nu taasisa. Mee waanuma hundaafuu jaalala Rabbiif, Ergamaa isaatiif, akkasumas islaamummaf qabnu waan tanaan haa madaallu
• Yeroo Azaanni Masjiidaa godhamu, waan dalagaa jirru hunda dhaabnaa? Facebook, whatsapp… cufnaa? TV fi waan dhaggeeffataa jirru cufnaa? Akkuma azaanni godhameen gara masjiidaa deemnaa?
• Haalli amma itti jirru (Uffannaan, deemsi, dubbiin, wanti jaalannuu fi jibbinu), Waan ergamaan Rabbii ﷺ nu ajajaniin wal fakkaataa?
• Yeroo keenya hedduminaan Ibaadaaf kenninee jirra moo fedhinnaa dhuunfaa keennaaf kennine?
• Muslimoota hunda ni jaalanna moo ni jibbina? Isaan gargaarra moo isaan mina? Rakkinni ummata Suuriyaa, Falasxiinii, Burmaa, Yaman fi kanneen biroo nutti dhagahamaa?
• Yeroo islaamummaa irra miidhaan takka gahu ni rifannaa, ni dallannaa?
• Hedduminaan kitaabban islaamummaa dubbisna moo, kitaaba islaamummaan alas (Asoosama jaalalaa) dubbisna?
• Qalbiin teenya Masjiidatti rarraatii? Yeroo Azaanni godhamu gammachuun gara masjiidaa deemtii?
• Sa’aatii qabnu, qabeenyaa fi fayyaa qabnu tana Rabbii fi Ergamaa isaatiif kennuuf qophoofnee jirraa?
Kunnuun wantoota muraasa. Mee hundaafuu of haa gaafannu. Deebisaa kanniin hundaaf wanti arganne gad aanaa yoo taate, daddafnee ammuma karatti deebi’uu qabna. Yoo bareeda taate ammoo jabeessinee daran caaltuu hojjachuuf tattaaffachuu qabna.

Waan hunda keessatti Rabbii keenya gargaarsa isaa gaafachuu hin dagatinaa. Rabbi waan hunda nuuf haa laaffisu

@hamiltantv2
2.5K viewsFidaaka Yaa Rasulallah, edited  18:41
Open / Comment
20 Nov 2021
IMAAMU SHAAFI'II MANA IMAAMU
AHMAD KEESSATTI ??

Seenaa Qorsaaf Gorsaa. .

Imaamu shaafi'iin sheekha imaamu
ahmad turani,
Imaamu ahmad imaamu shaafi'ii
akkaan jaalatu,
Yoo imaamu shaafi'ii faarsan:

Imaamu shaafi'iin addunyaa tanaaf
akka aduuti, Ilma namaatiif akka
fayyaati, je'an,
Gaafa tokko imaamu shaafi'iin
imaamu ahmadiin ziyaaruuf fe'atanii
mana imaamu ahmad dhufan,
Imaamu ahmad akkaan gammadanii
akka gaaritti simatan,

Ergas nyaata qopheessanii qorii
guutanii imaamu shaafi'iif erbaata
dhiyeessan,
Imaamu shaafi'iin waan qorii keessa
jiru osoo waan tokko hin hambisin
fixan,
Ammas eddoo hirribaa kenninaaniif
imaamu shaafi'iin firaasha irra
bahanii ol gara galanii hirriba itti
tuqan,

Wayta ganamni bari'u mucattiin
imaamu ahmad imaamu ahmaditti
dhuftee: Yaa Aabbichoo ! Imaamu
shaafi'iin ati faarsitu suni kanaa ??
jetteen: Eeti isaanuma kana, je'aniin:
Maarree ani nama kanarratti waa sadi
argee, jetteen: maal fa'a garte mee ??
je'aniin: Tokkoffaa, nyaata qorii
guutuu itti kenninee qoriin qullaa ol
galte, Lammaffaan, Nuti eddoo
hirribaa kenninaaniif ol gara galee
hirriba itti tuqee waa salaata
leeyliitiifi tahajjuda wahiitiifuu hin
dhaabanne, Sadaffaa, Salaata subhii
udu'a malee nuun salaate, jetteen,
Dubbiin mucattii imaamu ahmadiin
akka malee dhibdee dubbii akka
baruuf gara imaamu shaafi'ii
deemanii wayta ajaa'iba kana
himaniif: Eeti sadanuu anatu qaba,
Tokkoffaa, Wanti nyaata akkasitti
nyaadheef, nyaata keessantu maddi
isaa halaala irraa waan ta'eefi,
Akkasuma nyaata nama gaariiti,
nyaanni nama gaarii dawaadha,
nyaanni nama dony'aa dhibeedha,
ani nyaata kana garaa guuttatuuf
osoon taane ittiin dawaa
godhachuufi,
Lammaffaa, Hogga isin bakka hirribaa
naaf kennitan wanti ani leeyliif
tahajjuda salaatuu dhabeef,
Hogguma hirribaaf ol gara gale, Akka
waan qur'aanaaf hadiisni Rasuulaa
S,A,W, Na fuuldura jiruu, Qur'aana
kanaaf hadiisa keessaa gaafiifii deebii
ummata islaamaatiif bu'aa qabdu
torbaatamii lama 72 qopheessaa
bule, kanaaf yeroo argadhee salaata
leyliitiif tahajjudaa ka'uu dhabe,
Sadaffaa, Wanti ani wuduu'a malee
isiniin salaateef, Ani akka galgala
ciisee hirribnuu na qabee hin rafnee
waan wudu'a haarayoomsuuf hin
jiruu, je'aniin, , , ,
____ ﻓﺴﺒﺤﺎﻥ ﺍﻟﻠﻪ ﺍﻟﻌﻈﻴﻢ . .

Yaa Rabbi ! Mee iimaana jara saniif
kennite nuufis kenni, Iimaanatu
akkana nama dalaysiisaa,
Mee namni iimaana dheebuu qabdan
"Aamiin" je'aa,

Waan nama ajaa'ibaa kana obboloota
keetiifis SHARE COPY PAST godhi,
Ajrii hanga qubeetiin argattaa,
1.8K viewsQur,aan hayaati, edited  19:38
Open / Comment
4 Nov 2021
(Jaalala Dhugaa)

Jaalalli dhugaa: Gaafa Jaartiin Abdallaah Bin Umar gufattee lafatti jignaan: biyyee fuula isii irraa haxaa'aa :" Fidaaki Nafsii Wa Ruuhii (Lubbuun tiyya fura kee haa taatu ) jedhani lafaa ol qabe !

Jaalalli dhugaa: Gaafa Zeynab intalli Ergamaa Rabbii duutu abbaan warraa isii Abul Aas of qabuu dadhabee boonyaan ergamaan Rabbii ofitti qabanii imimmaan irraa haqaa mataa isaa qaqqaban. Inni ammoo:" Yaa Ergamaa Rabbii! Ani zeynabaa booda jiraachuu hin danda'u " jedhu sani!

Jaalalli dhugaa: Jaafar Bin Abii Xaalib (R.A) yeroo Jaartii isaa -Asmaa'a Bint Umeysii argu hunda;" Yaa firii onnee tiyyaa " jedhee yaama. Isheenis eddoo miilli isaa ejjate laaltee ejjatti. Kuni raajii miti! Qalbiin qalbitti hidhamnaan!

Jaalalli dhugaa: Yeroo Ergamaan Rabbii jaalallee isaanii Aa'ishaa :" Ati narratti ni hinaaftaa sila ?" Jedhanii gaafatan. Isheenis :" Akkamitti kan akka kootii kuni kan akka keetii kanarratti hin hinaafne ?!" Jetteen.

Imaam Ar-Raafi'iyyiin akkas jedhu:" Jaalalli jaalala hin tahu. Hanga jaarsaafi jaartiin yeroo wal yaaman," Yaa Ana " waliin jedhanitti " !!

Nuti jaalala Yahuudaafi Nasaaraa irraa hin barru.Fiilmii fi muziqaa irraa hin barannu. Jaalala dhoqqee haraamaa keessa bahu,kan seerri Rabbii itti cabu irraa barumsaafi qaroomina hin fudhannu!Seenaa bishaan duumessaa irra qulqulluu.Seena jajjaboota islaamaa qabna!Caala ilma nama Nabiyyi(ﷺ) aalama qabna kan waan hunda gochaa fi jechaan isaatin nu barsiise! @hamiltantv2
@hamiltantv2
1.2K viewsAB SH, 11:03
Open / Comment

Frequently Asked Questions

Common questions about .

. is a Telegram channel with 872 subscribers. You can read the latest posts, check reviews and view detailed statistics on this page.
Click the "Go to the channel" button on this page or search for @hamiltantv2 in the Telegram app. You can also copy the channel username and paste it into the Telegram search bar.
Yes, . is a free Telegram channel. You can subscribe and read all posts without any payment.
. currently has 872 subscribers. The subscriber count is updated regularly.
. primarily publishes content in English. You can preview the latest messages on this page.
Yes, you can find similar Uncategorized channels in the "Similar Channels" section below. We also show related Telegram groups, bots and stickers.
You can check user reviews and ratings on this page to evaluate .. The channel has a rating of 2.3 out of 5 based on 3 reviews.
Yes, you can preview the latest messages from . right here on Telegram Store without needing to subscribe to the channel on Telegram.
. avatar
. @hamiltantv2
Open in Telegram