(Jaalala Dhugaa) Jaalalli dhugaa: Gaafa Jaartiin Abdallaah Bi | .
(Jaalala Dhugaa)
Jaalalli dhugaa: Gaafa Jaartiin Abdallaah Bin Umar gufattee lafatti jignaan: biyyee fuula isii irraa haxaa'aa :" Fidaaki Nafsii Wa Ruuhii (Lubbuun tiyya fura kee haa taatu ) jedhani lafaa ol qabe !
Jaalalli dhugaa: Gaafa Zeynab intalli Ergamaa Rabbii duutu abbaan warraa isii Abul Aas of qabuu dadhabee boonyaan ergamaan Rabbii ofitti qabanii imimmaan irraa haqaa mataa isaa qaqqaban. Inni ammoo:" Yaa Ergamaa Rabbii! Ani zeynabaa booda jiraachuu hin danda'u " jedhu sani!
Jaalalli dhugaa: Jaafar Bin Abii Xaalib (R.A) yeroo Jaartii isaa -Asmaa'a Bint Umeysii argu hunda;" Yaa firii onnee tiyyaa " jedhee yaama. Isheenis eddoo miilli isaa ejjate laaltee ejjatti. Kuni raajii miti! Qalbiin qalbitti hidhamnaan!
Jaalalli dhugaa: Yeroo Ergamaan Rabbii jaalallee isaanii Aa'ishaa :" Ati narratti ni hinaaftaa sila ?" Jedhanii gaafatan. Isheenis :" Akkamitti kan akka kootii kuni kan akka keetii kanarratti hin hinaafne ?!" Jetteen.
Imaam Ar-Raafi'iyyiin akkas jedhu:" Jaalalli jaalala hin tahu. Hanga jaarsaafi jaartiin yeroo wal yaaman," Yaa Ana " waliin jedhanitti " !!
Nuti jaalala Yahuudaafi Nasaaraa irraa hin barru.Fiilmii fi muziqaa irraa hin barannu. Jaalala dhoqqee haraamaa keessa bahu,kan seerri Rabbii itti cabu irraa barumsaafi qaroomina hin fudhannu!Seenaa bishaan duumessaa irra qulqulluu.Seena jajjaboota islaamaa qabna!Caala ilma nama Nabiyyi(ﷺ) aalama qabna kan waan hunda gochaa fi jechaan isaatin nu barsiise! @hamiltantv2
@hamiltantv2