🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ Sammuun dhala na | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
Sammuun dhala namaa......maal faa hojjechuu danda'aa?

•Sammuun dhala namaa akka dachee gabbataati. Waan facaasan magarsa. Kanaafi immoo wanti faca'u murteessaa ta'uun isaa wal nama hin gaafachiisu.

Yoo waan gaarii facaasan gaarii, yoo waan badaa
facaasan immoo badaa haammachuun waan hin hafnedha. Qonnaan bulaan lafa isaa xaafii yoo facaase xaafii, qamadii yoo facaases
akkasuma. Garuu sinaaraafi gaggabsaa qotee waan akka qamadiifi xaafii eeguun, sa'a gu'e elmachuu waliin wal fakkaata.

•Koompitera yemmuu fayyadamnu barreeffama 'GIGO' jedhu argitee beekta.

"Garbage in garbage out‟ jedha. Kompiyuuterri akkuma sammuu namaa waan seene baasa.

Waan nuti itti erginu itti hojjetee gara keenyatti deebisa.

Waan gaarii yoo itti ergine gaarii, yaraa yoo ta‟es akkasuma.

Maarree waan galchine dhiisnee waan biraa eeguun of sobuu ta'uu isaati.

Sammuun ilma namaa kompitera caalaa wal xaxaafi hanga ammaatti qorachuuf baay'ee kan nama rakkisudha.

Sammuun waan karaa qaamolee miiraa gara isaa dhaqe, irra deddeebin erga fudhatee booda dhugaa jedhee amana.

Sanatu amalaafi gocha nama sanaa ta'a. Waan gara sammuu dhaqu qajeelaafi sirrii yoo ta‟e, jireenya namaaf illee qajeelchaa ta‟a.

•Yaadni namaa sammuu keessaa burqa. Yaadatu guddatee nama guddisa.

Kan xaxee nama kuffisu illee yaada irraa ka'eeti. Yaadni akka muka kibriitii takkittiiti. Yoo sammuu irra deddeebin yaadu argatte, akka ibiddaa taati. Ibiddi balaa kan fidu itti fayyadama wallaaluu irraayi. Yoo sirnaan daangaa isaa keessatti fayyadamne nyaata bilcheessa, xuraawaafi balfa gubee balleessa.

•Daangaa ceenan immoo biyya barbadeessa. Manaafi nama, bosonaafi waarshaalee gubee, waan
waggootaaf itti ifaajan daqiiqaa yartuu keessatti dhabamsiisa.

•Sammuun badiifi toltuu addunyaa kanarratti dalagame hundaaf itti
gaafatamaadha.