🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ Galma Ka | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓

Galma Kaayyachuu

•Galma Kaayyachuu Jiruun dhala namaa hundi galma qaba. Namni guyyaa guutuu karaa deemaa oolee galgala iddoo qubannaa barbaadee gala.

Allaattiiwan nyaata isaanii barbaachaaf, bantii sammuu marsaa oolanii galgala godoo isaanii keessa qubatu.

Addunyaa keenya irratti taphni baay‟ee jaalatamaan kubbaa miilaati. Daqiiqaa sagaltama itti dafqanii hanga danda‟an hunda kan ifaajaniif, kubbaa ishee waliin fiigan gara galma isheetti geessuufi.

Kubbaa gareen tokko galma isheetti yoo oofu, gareen biraan immoo galma irraa ittisa. Kubbaan galma ishee yoo seente malee geepha fudhachuun hin yaadamu.

Kubbaan galma ishee gahuuf humna keessaafi alaa fayyadamti. Dursa keessoon kubbaa qophaa‟aa ta‟uu qaba. Kana jechuun immoo keessoon kubbaa afuuraan guutuu qaba. Keessi guutuu
miti taanaan hanga barbaadamu deemtee galma hin geessu.

Karaa biraatiin immoo humni alaan kubbaa dhiibee gara galma ishee geessu, humna jifannaa taphataan ittiin kubbaa gara galma isheetti dhiitudha.

Kubbaan gara galma ishee seenuuf humni lameenuu baay‟ee murteessoodha.

Maarree jiruun dhala namaa akka kubbaa humna alaan ooffamee gara galmaa imaluu baatus, humni keessoo kan dhala namaa, nama jabeessee, humneessee, gufuu hunda irra tarkaanfatee galma gaha.

Humni keessoo dhala namaa waan hundumayyuu caalaa murteessoodha. Humni alaa yoo jiraates jiraachuu baates, humni keessaa murteeffatee kaanaan duubatti nama hin harkisu.