🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa. ┏━━━ ━━━━━━━━┓ #Haala ad | Mammaaksaa fi Jechamoota.

#Qoraasuma_sammuu_kitaabarraa.
┏━━━ ━━━━━━━━┓
#Haala addunyaa beekuu!

#Addunyaan keessa jirru tun guyyaa guyyaan jijjiiramti.

#Akkuma ifni dukkanaan bakka bu‟aa deemu, dukkanni illee yeroo isaa eeggatee, ifaan akka dhaalamu hubachuun barbaachisaadha.

#Gaafa qanani‟anii jiraatan illee
guyyaa biraa akka rakkoofi gadadoon nama muudatu, beekanii yoo dhufes fala faluu nan danda‟a jedhanii of amansiisuudha.

#Kana bira darbee addunyaa kanarra wanti hin jijjiiramne jijjjirama mataa isaa ta‟uudha.

#Dhagaa iddoo tokkoo hin sochoone irraa kaasee hanga wantoota socho‟aniitti, dungoo yeroo xiqqoo keessatti baqxu irraa hanga gaarren gurguddaa dheerinni isaanii waggaatti milimeetiraan dabalaniitti jijjiiramni jiraachuu isaa beekuun, haalli addunyaa yoo namatti jijjiirame, funyoo fudhatanii of ajjeesuuf abdii
kutuu irra, kunis amala addunyaati, kana irraan darbee boru iddoon yaade nan gaha jedhanii, #morma dhiisanii #mudhii hidhachuun barbaachisaadha.