🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Namoota Namootatti Fayyadaman! ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬ | JECHOOTA GAMNAA ✪

Namoota Namootatti Fayyadaman!

▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
☞︎︎︎ Namootni kun xiyyeeffannaan isaanii maluma kamiinuu namarra aanuu fi faayidaa dhuunfaa isaanii adamsuu dha.
☞︎︎︎ Namootni kunis waan adamsan kana argachuuf (adda baasuuf) bakka dadhabina namaa arguu qabu.
☞︎︎︎ Of-jaallattota kanaarraa of eeguun barbaachisaa dha. Wajjin hojjeechuun illee dirqama yoo ta'e utuu walitti dhufeenya hojii ofii hin balleessein meeshaa namoota kanaa utuu hin ta'in itti fufuuf qabxiileen armaan gadii kun nama gargaaru.

☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎☟︎︎︎

➪Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e' sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.

➪ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.

➪ Mirga ofii sirriitti beekuu fi hojii irra oolchuu, mirga tole ykn lakki jechuu utuu hin sharafin raawwachuu dha. Akkasumas, qoosaa nama xiqqeessu gaafa namatti darbatamu dhaabsisuu (akka dhaabu ifaan itti himuu) danda'uu.

➪ Gaabbii hir'suu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii ykn mufii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii ykn mufii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala. Haga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatmuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa of qusachuunis barbaachisa. Waanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.

➪ Gaafa waa murteessuuf gaafatamtu yeroo ga'aan akka siif laatamu gaafadhu. Sarduun murtii dabaa simurteessisuun mala isaanii keessa tokko waan ta'eef.

➪ Al tokko tokko sitti fayyadamuuf yaalaa jiraachuu isaanii irratti baruukee malaan itti himuun illee barbaachisaa dha.


FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@Jechoota_gamnaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬