➪Hariiroo nama sanaa wajjin qaban keessaa isa kamtu akka barbaachisaa ta'e sirriitti itti yaaduu fi beekuu. Sana booda hariiroo 'barbaachisaa ta'e' sana qofa irratti xiyyeeffachuu dha.
➪ Walitti dhufeenya nama sana waliiniitti daangaa fi sarara barbaachisaa itti godhuu fi daangaa sana walitti fufiinsaan kabachiisuu dha.
➪ Gaabbii hir'suu - mala isaan ittiin waan namni hin feene ittiin nama gochisiisan keessaa tokko aarii ykn mufii sobaatiin gaabbii namatti uumuu dha. Kanaaf aariii ykn mufii nama sanaa "badii kooti" jedhanii ofitti fudhachuu dhiisuun fala. Haga miidhaa irraan hin ga'initti, miira nama tokkoof kan biraan gaafatmuu hin danda'u. Akkasumas, maal naan jedhuu baay'isuu irraa of qusachuunis barbaachisa. Waanta namni siin jedhu ati bocuu hin dandeessu waan ta'eef.