🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

BU'AAWWAAN DHIIFAMA NAMAAF GOCHUU KEESSAA ARGAMA . KUTAA 2FFAA | JECHOOTA GAMNAA ✪

BU'AAWWAAN DHIIFAMA NAMAAF GOCHUU KEESSAA ARGAMA . KUTAA 2FFAA ISAA

2. Dhiifama namootaaf gochuun dhukkuboota hedduu irraa si eega. Saayinsiin qoratee waan bira ga’en siif hima. Namoonni yeroo hedduu haaloo qabatanii wajjin jiraatan dhukkuboota hedduuf saaxilamu. Maaliif? Sababni isaa xiinsammuu namootaaf qaama isaanii gidduu hariiroon jiru cimaa waan ta’eef. Dhukkuboota namoonni dhukkubsatan keessaa hedduun yaada isaan yaadan waliin walqabatu. Dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi kkf irraa si bilisoomsa. Maal jechuu akkan barbaade beekta. Nama si miidhe tokkoof dhiifama gochuun isaaf qofa utuu hin taane, ofii keefiyyuu bu’aa guddaa dha. Qorannoon saayinsii dhugaa kana deddeebi’ee mirkaneesseera. Namoonni gadoo kuusan, miira yakkamtummaa keessa jiraatanii fi dhiifama gochuuf fedha hin qabne carraan dhibee adda addaaf saaxilamuu isaanii daran guddaa dha. Kanaaf dhaamsi ani siif dhaamu inni guddaan ofiif jedhii dhiisiif. Maal wayyaree? Danda’i. Namoonni amalli isaanii rakkisoon waliin jiraachuun akka malee ulfaatu ni jiru. Garuu danda’i. Haa xiqqaatanillee malee namoonni miidhama gurguddaa sirratti hojjetan ni jiraatu. Danda’i. Jecha arrabaa ati raawwattee irraanfachuu hin dandeenyeen kan si waraanan kan sagaleen isaanii inni lafee namaa cabsu yeroo hundaa gurra kee irraa iyyu ni jiru. Danda’i. Gaarummaa kee hammeenyatti jijjiiranii carraa argatan maraan maqaa keetti cilee kan diban ni jiru. Garuu danda’i. Namni bineensa dha—bineensa haala mijataa eeggatee harka irraa nyaate nyaatu. Danda’i! Irraanfadhu. Miidhama namoonni sirratti raawwatan yoo siif danda’ame irraanfadhu. Caba isaan si cabsan—isa miira kee miidhe—irraanfadhu.

Ittii fufa....

@Jechoota_gamnaa