🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Guyyaa tokko jaarsi beela'e tokko daabboo gogaa harkaa qabu wa | JECHOOTA GAMNAA ✪

Guyyaa tokko jaarsi beela'e tokko daabboo gogaa harkaa qabu waan ittiin laaffisee nyaatu kadhachuuf naannoo mana nyaataa tokko taa'e. Xinnoo akkuma achi taa'een fooliin nyaataa baayyee nama haawwatu afaan isaa hancufaan guute. Jaarsi kunis daabboo gogaa harkaa qabu ija isaa dunuunfatee akka ittoo fooliin isaa funyaan isaa seenen nyaatutti of amansiisuun daabboo isaa nyaate.

Haala nama kanaa ilaalaa kan ture abbaan mana nyaataa sanaa, Jaarsa kana bira dhaquun silliqsee qabatee kan funfatteef kanfali jedhee ija itti babaase. Jaarsi hiyyeessi sunis "Anoo qarshii hin qabu. Yoo barbaadde abbaa murtii bira na geessi" jedheen. Namichis abbaa murtii bira geessun wanta uumame marayyuu tokko lamaan itti hime. Xumura irrattis abbaan murtii jaarsi hiyyeessi sun kan funfateef akka kanfalu itti murteesse.

Xumura irratti abbaan murtii kun qarshii akka jaarsichi kanfaluuf itti murtaa'e "Ani ofii koon kanfalaaf" jechuun Abbaa mana nyaaticha ofitti waamun, Saantimoota kiisa isaanii keessa jiru baasun harka isaanii laman gidduu naquun gurra isaatti qabanii 'shak shak shak' gochuun sagalee isaa dhageessisan. Itti fufuun abbaan murtii "Deemi egaa ani kanfaltii jaarsa kana irra jiru siif kanfaleera" jedhaniin abba mana nyaatichaan. Namichis waan wallaalee "Maal jechuudha kun abbaa murtii? sagalee isaan dhaga'e malee yoomin fudhadhe" jennaan. "Jaarsi kunis foolii isaa fuunfate malee yoom nyaate?" jechuun deebisaniif.

Dukkana doofummaaf ifni beekaa qoricha.


Maddi:- Gola Fuul-barruu

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa