🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

kana fudhaa mee! > Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu m | JECHOOTA GAMNAA ✪

kana fudhaa mee!

> Nama cimaa ta'i jechuun hin kufin jechuu miti. Kuftee ka'uu bari jechuudha malee.

> Callisi jechuun hin dubbatin jechuu miti. Dhageeffachuuf gurra laadhu jechuudha malee.

> Hin lolin jechuun miira hin qabaatin jechuu miti. Aarii irraa dafii deebi'i jechuudha malee.

> Dhiifama godhi jechuun hin miidhamne jechuu miti. Dubbii garaatti baachun miidhaa sirraan ga'a jechuudha malee.

> Diina kee jaaladhu jechuun diinni gaaridha jechuu miti. Jibba caala jaalalatu moo'ata jechuudha malee.

> Gammadaa ta'i jechuun hundumaa qabaachuu qabda jechuu miti. Waan qabdutti gammadi jechuudha malee.

D/r Mihiret Dabbabaa

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa
.