🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Nuti si'a baayee dandeetti namaa malee bilchina namaa ilaaluuf | JECHOOTA GAMNAA ✪

Nuti si'a baayee dandeetti namaa malee bilchina namaa ilaaluuf yeroo hin fudhannu. Dandeettiin bilchinni keessa hin jire immoo Isa tolche balleessa deema waan ta'eef hin amansiisu. Dandeettiin Dandeettii bu'aa buusuudha jedhamee abdatamuuf murteessaan bilchina. Yoom illee Dandeettii dhokataa keessa Kee jiru baastee namoottatti argisiisu kan ati qabduu bilchina Dandeettiin Kee horachaa adeemuu wajjin ta'uu qaba. Sababni isaa namoonni bilchina qaban hundumtuu dandeetti Kee qofaan osoo hin taane, bilchina Dandeettiin keetiitiinis si madaalu. Dhala namaa Isa ati beekaadha , Dandeettii guddaa qaba jettee waamtu miira isaatu akka inni ta'uu hin qabne Isa godhee argita. Namni dandeettiin isaa bilchina hin qabne miira aarii keessaa seennaan Isa yeroo baayyee tolche jechaa fi gocha tokkoon yeroo tokkitti balleessa. Hubatee waan hin ilaalleef Isa har'aa jaje osoo hin turin tuffateetu, Isa tuffatee turte moo osoo hin turin jaja. Sun hunduu bu'aa dandeettii dhabuu osoo hin taane, bu'aa bilchina dhabuuti.

@jechoota_gamnaa
@jechoota_gamnaa