🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Iccitii Gaggeessummaa Gaggeessummaan bulchiinsa fedhii fi yaa | JECHOOTA GAMNAA ✪

Iccitii Gaggeessummaa

Gaggeessummaan bulchiinsa fedhii fi yaada uummataa giddu galeeffatee dha. Gaggeessaan yeroo hundumaa waan hundumaan fakkeenya gaarii ta'ee kan argamuudha.

➛ Laga tokko gamatti ce'uuf riqichi yoo barbaachise, gaggeessaan riqicha ta'ee, uummanni isa irra adeemee ce'a. Qabeenyi guddaan gaggeessaan qabu namoota gaggeeffamu sana dha. Jaalala guddaa namoota hundumaaf qaba.

➛ Lubbuu kennuun yoo barbaachise ofii isaa dabarsee kan kennudha. Haala rakkisaa keessatti uummata gatee kan baqatu utuu hin ta'in, haala kamiyyuu keessatti uummata isaa waliin kan jiraatu, uummata isaaf kan du'u, onnee namoota hundumaa keessaa jaalala addaa kan qabudha.

➛ Namoonni kan itti of amananii jiraatan gaggeessaa dha. Murtoo qajeelaa murteessa.

➛ Hordoftoonni isaa hundinuu akka isaa akka ta'aniif karaa bana. Milkaa'ina namootaatti baay'ee amana. Abdii namootatti horuun galmaan hamma gahutti halkanii fi guyyaa hojjeta.

#Gaggeessaa_ta'i!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa