🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

MAALIIF DU'U? Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokk | JECHOOTA GAMNAA ✪

MAALIIF DU'U?

Hospitaala tokkotti dhukkubsattoonni siree tokkorratti dhukkubsatanii ciisan guyyaa jimaataa yeroo hunda du'u turan. Namni dhukkubsatee siree sanarra ciise hundi ni du'a ture. Taateen kun hooggantoota hospitaalichaa, ogeesota fayyaa, hojjattota, hawaasa naannichaatti yaaddoo cimaa uumuu eegale. Akkuma barame dhukkubsataan tokko siricharra ciisee wal'aansa fudhachaa ture, inni waa'ee siree kanaa, waa'ee namoonni bakka kanarra ciisan du'uu waan beeku hin qabu. Guyyaan jimaata ammas ga'ee sa'aatii lakkaa'achaa jira. Ofii namni maalif du'u? Du'a sana duuba namatu jiraa? Rabbii? Moo seexana? Gaaffii nama hundaati. Sa'aatiin ga'aa jira.Duuti dhufaa jira, du'a siree filatu. Ogeesonni, namoonni naannoo sanatti dhiyaatanii waan dhufu eegaa jiru. Gariin isaanii macaafa qulqulluu qomatti qabatanii, kaansaanii Du'aa'ii godhaa waan ta'amu ilaalaa jiru. Akkuma sa'aatiin sagal ta'een qulqulleesituun haaraan meeshaa ittiin kuticha qulqulleesitu qabattee oofaa dhufte. Daftee qulqulleesitee gara hojiishee idileetti deebi'uuf jarjarti. Akkuma ol seenteen gara siree sodaachistuu sanaa deemte. Namoonni fooddaarra dhaabbatanii waan dhufu ilaalaa jiru. Akkuma siricha bira geesseen sookkeettii ibsaa maashinii hargansuu sana irraa buqqistee kan meeshaa qulqullinnaashee itti kaa'attee hojishee itti fufte. Dhukkubsataan gargaarsa maashinii malee harganuu hin dandeenye suni hafuuraa cite. Harganuu dadhabe. Isaa du'uuf jedhu ogeesonni fayyaa haalicha ilaalaa turan fiiganii maashinicha bakkatti deebisan. Edaa dhukkubsattoota siree sana irra jiran ajjeesaa kan turte qulqulleesituu kanaadha. Ajjeesuf jettee miti, wallaalummaa irraa kan ka'eedha. "Maalif du'an? " gaaffii jettuif deebiin argame. Waaqa miti, seexanas miti. Nama ture. Nama wallaalaa, akka ajjeesaa jiru kan hin beekne. Qulqulleesituu kutichaa. Wallaalan nama ajjeesa! Kan akka wallaalummaa dhala namaa ajjeese hin jiru. Namni gatii namaa hin beeknetu nama ajjeesa!

Irraa barattu jedheen kan dubbiserraa isiniif qoode


Kitaaba 'Gatiin namaa meeqa? Jedhu Eebbisaa baay'isaa nama biyya Oromootin barreeffame keessaa!

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa