🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

...Wanti uumaan nu badhaase hunduu qaalii akka ta’emmoo kan it | JECHOOTA GAMNAA ✪

...Wanti uumaan nu badhaase hunduu qaalii akka ta’emmoo kan ittiin beeknu meeshaa uumamaa ‘qalbii’ jedhamuuni. Qalbiin Meeshaa gati-jabeessa ijaan hin mul’anneefi hin qaqqabamnedha. Namni hunduu qalbii guutuu waliin dhalata. Qalbii jechuun burqaa yaada garaa iddoo jireenya beekkumsaati. Qalbiin meeshaa safartuu eenyummaan namootaa itti safaramudha. Qalbiin teessoo, ogummaa jireenyaa, bilchinaafi teessoo beekkumsa guddaati.
Miyaafi gatii qalbii warra ogummaa jireenyaatti kuulametu beeka. Namni dandeettii isaatin qalbii kalaqee sammuu namaa keessa kaa’uu hin danda’u; Qalbii namaa bitee fudhachuu danda’a malee. Kanaaf ta’a bara kanatti, kan qalbiin namaa gurguramaa ooluf.
Egaa gabaa guddaan bara kanaa gabaa qalbiiti. Nutis akka Michel De Montaige jedhe…“Namoonni ogeessota jedhaman gowwoota irraa yoo hin baranne, ofii isaanitiyyuu gowwoota” san taanee maalummaa qalbiitu wallaallee dhaloonni baayyeen nu harkaa bahaa jira. Qalbii waan qabnu nutti fakkaatee qalbii dhabaa jirra.....
Kitaaba #DIJAATI JEDHUU kan GIRMAA BASHAADAA barreessee keessa

@Jechoota_gamnaa
@Jechoota_gamnaa