Get Mystery Box with random crypto!

Rakkinni Koo Kaleessaa Tooftaan Har’a Ittiin Jiraadhu Na Barsi | Hundee Amantoota Wangeelaa

Rakkinni Koo Kaleessaa Tooftaan Har’a Ittiin Jiraadhu Na Barsiise.
___

Biyya lafaa yeroof keessa jiraannu kana keessa mukti qabattee itti haftu fi na gargaara jettu tokkoyyuu hin jiru.

Wanti ati itti rakkattu kuni hundinuu yeroon isaa yoo gahe akkuma baalatti coolagee iddoo gadhiisa.

Wanti abdatamee bara baraan nama gargaaru aduu gaditti tokkollee hin jiru.

Lal. 1:14
Ani wanta aduu jalatti hojjatamu hundumaa argeera hundumtinuus waa’ee hin baasu.

Galaana amma guutee cehuu si dhoowwu kana yoo barbaadde iyyuu yeroon itti hin argine ni dhufa.

Yaq. 1:3
Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda'uu akka fidu in beektu.