🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Itoophiyaa Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Itoophiyaan | Hundee Amantoota Wangeelaa

Itoophiyaa

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa Itoophiyaan lammata waraana akka hin eegale gaafate.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, waldhabdeen mootummaa federaalaa fi humnoota Tigiraay jidduutti hammaataa dhufuun yaaddoo akka qabu ibseera.

Inistiitiyuutichi ibsa baaseen akka jedhetti, Ityoophiyaatti diinummaan akka deebi’ee hin jalqabneef hundumtuu ga’ee isaa akka ba’u gaafateera.

Ji’oota 19 dura waraanni kaaba Itoophiyaa keessatti gaggeeffameen namoota hedduu dhiittaa mirga namoomaa adda addaatiif saaxilamoo akka ta’an yaadachiisuun diinummaan hammaataa dhufe dhaabbachuu qaba jedhe.

"Naannolee Affaar, Amaaraa, fi Tigraay keessatti namoonni miliyoonaan lakkaa'aman jeequmsi, namoota jaallatan dhabuu, lubbuu dhabuu, tajaajila bu'uuraa dhabuu, fi gidiraa namoota biroo irra ga'uu qorannoo kanaan dura gaggeesseen mirkaneesseen ture."

Mootummaa federaalaa dabalatee naannoleen kaaba Itoophiyaa sadan namoota waraanaan miidhamaniif gargaarsa mirga namoomaa gahaa ta’e kennuurratti xiyyeeffachuu akka qaban ibsa baaseen beeksiseera.

Rakkoo jiru irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii, haala gaanfa Afrikaa irratti rakkoo uumameen amma daran barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

@Maranata_Iyyesuus