Get Mystery Box with random crypto!

Horsiisa lukkuutirraa ka'ee Presdaantii Keeniyaa ta'e. W.S. Ru | Hundee Amantoota Wangeelaa

Horsiisa lukkuutirraa ka'ee Presdaantii Keeniyaa ta'e. W.S. Ruutoo!
====================
Ruutoo harkatti kitaaba arginaan jecha Joomoo Keeniyaataa ''Mishiinarootni gaafa Afrikaa dhufan kitaaba qulqulluu qabu; Afrikaatni immoo lafa qabu ture. Mishinarrotnis akkamitti akka ija dunuunfatanii kadhatan nu barsiisaan. Yoo nuti ija bananannu isaan lafa keenya fudhatanii nuti kitaaba qofatti hafne'' kan jedhun yaadadhe.

Seenaa dudduubee W.S.Ruutoo yoon qoradhuu barataa cimaa fi nama amantiitti cimaa tureedha. Gaggeessaa amantii cimaa ture. Presdaantii Mooyikibaakiitinillee kan wal barsiisee fi fuula siyaasaatti kan fuulleeffatan carraa kanatti fayyadamaniti.

Morkataan isaa Raayilaa Odingaa fi inni dur Miseensa paartii siyaasaa KANU turan.

Ruutoon Maatii horsiisee bulaa harka qalleesaa Kaaba Keeniyaa irraa kan dhalatadha. Horsiisa lukkuutin beekkama. Barsiisaas turan.

Ammaa garuu Kitaaba qulqulluu qofa osoo hin taane lafaa fi aangoo harkaa qabu.
Milkaa'i jenneerra.