Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

Logo of telegram channel nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
Logo of telegram channel nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
Channel address: @nuralhudaahukm
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 18.14K
Description from channel

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 2

2023-01-03 07:26:46 230: Dhiiraa fi dhalaan eega Zinaa walirratti dalaganii booda wal fuudhuun ni tahaa?

Gaafii:  Gurbaan tokkoof intalti takka sagaagalummaa yoo walitti hojjattan fuuni jara lamaanii kun danda’amaa?

Deebisaa:   Zinaan dilii gurgurddoo Rabbiin qur’aana keessatti dubbate keessaa takka. Diliin gurguddoon Rabbiin qur’aana keessatti dubbate ta duraa shirki, lammeessaan lubbuu namaa baasuu, sadeessaan zina. Shirkii dubbatee lubbuu namaa baasuu dubbatee, zinaa dubbatee namoonni addunyaa tanarratti dilii akkanaa tana hojjatan, ka addunyaa tanarra osoo jiranuu karaa Rabbii deebi’anii osoo hin toowabatin azaaba isaan xiqqeessu qunnamuuf jiraatan jedhe Rabbii SW.

Ammoo namni osoo addunyaa irra jiruu waan gurguddaa sadeen akkanaa tanarraa toowabate, achi boodaan dalagaa gaggaarii ka hojjate badii isaanii sanillee Rabbiin toltutti jijjiiraaf yoo qulqullummaan toowabatanii waan sanirraa fagaatan jechu. Tanaaf jecha hukmiin nama zinaa walitti godhee yoo dowlaan islaamaa jiraatte dardaraaf dubra ta’uu cafaqu, yoo nama fuudhe ta’an ajjeesu. Waan hukmiin akkasii addunyaa irra hin jirreef jecha namni tokko uf sattaree waan kanarraa toowbaa qulqulluu eega toowbataniin boodatti Rabbiin isaaniif araaramaadha. Yoo waan kana osoo hin toowabatiniin dura warra wajjiin jiru ta’an addaan bahuu haga baatii sadii addaan fagaachuu eega toowbataniin boodatti Rabbiin toowbaa irraa qeebalaadha nikaha wal godhatanii karaa hukmii shariyaatiin walfuudhuun ni danda’ama. Zinaan namarraa argamuun maasiyaa gurguddoodha malee nama hin kafarsiiftu. Namni akkasitti irraa argamte fuudhuun hin gahu jechuun osoo hin toowbanne jechu.

Dr.Liwaa’ulislaam
386 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:26
Open / Comment
2023-01-03 07:26:37 229: Dubartiin heeydii irraa eega xahaarattee booda bishaan booruu yoo argite, salaata ni dhoowwaa?

Gaafii:  Intala dhalaa takka yeroo heeydiin itti dhuftee xahaaratte duuba xahaaraa boodaan bishaan yookaa dhiiga booruu takkatu itti dhufaa saniif jecha salaata ni dhiiftii.

Deebisaa:   Eega xahaaratteen boodatti yoo dhiigni heeydii itti dhufe lammeessaa salaata ni dhaabdi, ammoo booruuf jecha akkuma sahaabiyyaanni zamana Nabii Rabbi keessatti jedhan eega xahaarannee booda dhiiga tortoraan yoo nutti dhufe heeyditti hin lakkoofnuu jedhan. Kanaafuu eega xahaarattee booda booruuf wasakni sitti dhufu wuduu’a balleessa malee heeydii hin jedhamu. Salaata salaatuu, soomana soommanuu, jaarsa keetitti ida’amuudhaafis mirga guutuu qabda sanii jettee salaata kee hin dhiisin.

Dr.Liwaa’ulislaam
441 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:26
Open / Comment
2022-12-29 06:50:27 228: Intala takka warri guddifate Nikaha godhuufii ni dandahuu?

Gaafii:  Intala dhalaa takka ta namni guddifate abbama fedhe haa ta’uu garuu abbaan hin jiru, obboleeyyan wajjiin dhalatan osoo jiranuu warri guddifate sun akka ilmoo isaaniitti laalanii yoo ka nikaha isii godhan taate nikaahaan isaanii fayyaa ni ta’aa?

Deebisaa:   Rabbiin dhalaa hoggaa kennaa nuun jedhu Rabbiin ka quba qabu waliyyii amrii ka jedhamu, warreen isii nikaha godhuudhaaf mirga qabu san qofa. Abbaa, nama abbaan itti dhaammate, akaakoo karaa abbaa, obboleeyyan, adeera. Kanaa asitti intala takka namni biraa guddifatuudhaaf akka ilmootti hin laalamtu, guddisni isaanii waan kophooti, hukmiin shari’aa waan kophooti, hoggaa bikka nikaaha tana geesse warra isaanii barbaaduu qabdi. Jarreen akkanaa dhalaa takka nyaachisanii obaasanii daara baasuu jecha nikaha isii yoo godhan nikahaan isii sun baaxil. Bakka kana namni cufti uf beekuun keessaahuu dhalaan beekuun dirqama gudda.

Dr.Liwaa’ulislaam
784 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:50
Open / Comment
2022-12-29 06:50:05 227:
688 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:50
Open / Comment
2022-12-29 06:48:13 226: Soomana iddoo jireenyyaatiin alatti soommanuun ni tahaa?

Gaafii:  Soommanni natti seenee zihaaraaf bakka biraa jiraa bakka duraa sanitti deebi’ee soommana kiyya guuttadha moo akkamiin godha?

Deebisaa:   Keeyrii Rabbii bakka itti hojjataniif bakka itti hin hojjanne hin qabdu. Soomana duraan nama biratti soomantes achitti ka soomantuuf Rabbii tokkicha, bakka biraa ta dhayxee itti soommantus Rabbii tokkichaaf. Wanni bakka duraa sanitti deebi’aa, takkaahuu soommana bakkuma duraa sanitti guuttataniin sammuu keessa yoo si jiraatte, namni akkana siin jedhu yoo jiraate sun wallaala.

Dr.Liwaa’ulislaam
644 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:48
Open / Comment
2022-12-29 06:47:59 225:
604 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
Open / Comment
2022-12-29 06:47:45 224: Haati tiyyaa Islaamummaa seenuu kiyyaaf hedduu natti mufattee, akkam godha?

Gaafii:  Ani Islaamummaa amantii dhugaa ta’uu beekeetiin filadhe, garuu haadha qaba ta hedduu na jaalattu takka islaamawuu kiyya kanaaf hedduu qalbiin siidhaa cabde, ani ammoo gama kiyyaa isii kaddamuu ittuma jira ni gargaara, garuu halkanii guyyaa ni boochi, booya isii kanaaf akkam godhutu narratti wayya?

Deebisaa:   Yaa gabritti Rabbii islaamummaan ta Rabbiiti. Eega Rabbitti amantee Nabi muhaammad ﷺ ergamaa Rabbii ta’uu beektee islaamumman amantii dhugaa ta’uu beeyte; Islaamummatti seenuu kankeetiif namoota rakkataniif mirgaa bitaa kankee laaluu hin qabdu. Ka islaamawaniif eega Rabbiif jecha ta’e Rabbiif jecha islaamummaa mataa kee keessa kaayadhu malee, wanni booya isiitiif rakkatiinsa ufdura qabduuf maaliif.

Yoo islaamummatti seentee haati tiyya qalbiin cabuu irra gara isiitin garagalaa yoo si keessa jiraatte islaamummaan kee sirrii miti. Kanaaf jecha haadha tee kaddamuun, tajaajiluu islaamummaan si hin dhoorkitu, garuu gara booya isiidhaa achi hin mildhatin. Jechoota Sahaabaa nabii keenyaa mee yaadadhu. Warra yeroo islaamummaatti seenan haati irraa rakkattu yaa haadha tantoo waan feetu narraa argadhuu sababaa ani islaamumatti seenuutiif yoo qoonqoo dhiiste; warra qoonqoo dhiisutu jira hanga ati kafartutti nyaata hin nyaadhu jedhee. Osoo lubbuu dhibba qabaattee takka takkaan ka baatu taatee islaamummaa kiyyarraa hin gargalu jedhaniin. Warren akkasii jala deemi malee waswaasa akkanaa kana Rabbii kankee araarama kadhadhuu, diinii kee irratti gad na dhaabi jedhii Rabbii kankee kadhadhu.

Dr.Liwaa’ulislaam
623 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
Open / Comment
2022-12-29 06:47:26 223: Zakaa fixriidhaa geelee tiyyaa kennuu ni danda’aa, takkaahuu irraa baasuu ni danda’aa?

Deebisaa:   Namni tokko zakaa fixrii namarraa kennuun yoo namni tokko dadhabbii qabaate, yoo dhaba qabaate, yoo namni irraa geessu hin jiraanne namni tokko yoo narraa galchi yoo siin jedhe waa takkallee rakkoon hin jiru keeyrii irratti walgargaaruun haala muslimaati.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
620 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
Open / Comment
2022-12-29 06:47:12 222: Janaabaan intala muslimaa fi intala kaafiraa irraa nama tuqe hukmiin isaa gara garaa?

Gaafii: Janaabaan akkamii ? janaabaan intala muslimaa irraa nama tuqeefii janaabaani intala kaafiraa irraa nama tuqe akkuma tokkoo?

Deebisaa: Nama islaamaa irraa ta’ee nama kafiraa irraa ta’ee Janaabaan janaabuma. Garuu nama islaama yoo ta’e jaartii tee ta’uu qabdii, yoo intala kaafiraa taate intalti jaartii nama kaafiraa hin taatu.

Yoo Ahlal kitaabummaan isii seera guuttatee Ahlal kitaab fuudhee jiraate malee. Sani ammoo seera guuttachufillee waa heddutu nama dhibaa, zamana ammaa keessatti nama islaama hin ta’in fuudhuun seera gurguddoo barbaachisaa ulamaa jajjabduu gaafachuu barbaachisa osoo hin fuune dura. Warri dubartoota faranjiitiif ta biraallee fuudhuu barbaadan intala islaama hin ta’in fuudhudhaaf seera dura guuttachuun barbaachisa, seera isiin guuttachuu qabdutu jira.

Sheikh Alii Jimmaa
760 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:47
Open / Comment
2022-12-26 06:39:27 221: Maallaqni xiqqaa ta’ee yoo namni tokko na biratti irraanfate, akkamiin godha?

Deebisaa:   Amaanaan guddoo xiqqoo hin qabdu. Yoo namni waa si biratti dhiisee nama san agarte bakkumatti deebisiif. Yoo namni sun gara kute wallaalte sadaqadhuuf, gaafa nama san arge ni kennaafii sammuu keessa kaayyadhu.
 
Dr.Liwaa’ulislaam
931 views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 03:39
Open / Comment