Get Mystery Box with random crypto!

Fataawaa NuuralHudaa

Logo of telegram channel nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa F
Logo of telegram channel nuralhudaahukm — Fataawaa NuuralHudaa
Channel address: @nuralhudaahukm
Categories: Blogs
Language: English
Subscribers: 18.14K
Description from channel

■Fatwaalee website Nuuralhudaa irratti kennaman, Haala mijataa ta'een As gubbatti isiniif qopheessinee jirra, channala Telegrama kana irratti argattu.

Ratings & Reviews

2.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

0

1 stars

1


The latest Messages 9

2022-10-27 08:27:10 162: Dhalaan akka dhiiraa rifeensa haquu ni dandeessii?

Gaafii: Intalli dhalaa takka akka dhiiraatti mataa irra haquu ni dandeessii?
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, waldhabbiin dhiiraafi dhalaadhaa ahkaama bakka hedduu keessa jirti. Dhiirti imaamata matatti marattu wajjiinillee ni rafti, deemuunillee ni dandeessi. Intalli dhalaadhaa ta akka imaamata dhiiraa osoo ifirraa hin baasne wajjiin ooltee bultu waan jirtu natti hin fakkaatu.

Tanaafuu irra fiinxeen dhalaa fooxaa olqabdee rifeensa isii jiifachuudha. Dhalaan rifeensa dheeratu ammoo ka mataa dhiisee rifeensa morma jalaan gad baye haquutu jira. kun hukmii shariaa keessatti haqiinsa hin jedhamu. Haqiinsa jechuun matuma gubbaa haquudha malee rifeensa morma lamaan jidduun gad bahe haquu miti.

  Dr. Liwaa’ulislaam
2.1K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:27
Open / Comment
2022-10-27 08:26:27 161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira?

Gaafii: Anbiyoonni nama meeqaatu abbaa keenya Aadamiifi Nuuh jidduu jira?
 
Deebisaa: Abbaan keenya guddaan Aadam anbiyoota irraa abbaa anbiyootaati. Akka warri seenaa jedhutti abbaa keenyaafi Nuuh jidduu amata kuma tokko ergamootaafi anbiyoonni tokkolleen hin jiran. Seenaa keessatti nabiyyallaah Nuuh Aadam lammeessaa jedhama.

Aadam lammeessaa wanni jedhaniif gaafa xuufaan dhufee namni addunyaa tanarraa haxaawame, waa cufarraa kormaafi dhaltuu fuudhee jiruun namaa akka haarayatti achi booda eegalamte. Tanaaf Aadam lammeessaa jedhaniin.

Nabiyyallaah Nuuhiifi abbaa keenya Aadam jidduu anbiyoonni jiraachuu an gama kootiin daliila tokkollee itti hin agarre. Walumaagalattuu wanni mama hin qabne namni dura addunyaa tanatti Rabbiin ergaa godhatee maqaa nabiyyummaas qabaatee risaalaa bakkaan gahutti ergame Nabiyyallaah Nuuhi.
 
  Dr. Liwaa’ulislaam
2.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:26
Open / Comment
2022-10-27 08:25:44 160: Azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi je’an?

Gaafii: Biyya azaanni fajrii lamaa keessatti azaana kam keessatti assalaatu khayrun minannawmi jedhan?
 
Deebisaa
: Azaana lachuu keessattuu jechuun humaa hin qabu. Akka namni beekutti garuu azaana duraa keeysatti assalaatu khayrun minannawmi hin jedhan. Sababni isaatiis namatu fajriin bahe jedhee soommana fa’a nyaata dhaaba. Tanaaf jecha ka duraa akka namni beekuuf jecha assalaatu khayrun minannawmi dhiisutu gaari warri jedhus ni jira.

Walumaa galatti azaana lama wanni godhameefuu salaanni fajrii as garagalee ka nyaata fedhus ka dhiqata fedhus akka kurfaawuufi. Tanaaf jecha asliin azaana assalaatu khayrun minannawmi kanuma duraa keessaa ka boodaattillee humaa hin qabu.


  Dr. Liwaa’ulislaam
2.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 05:25
Open / Comment
2022-10-16 20:53:48 159: Khuxbaarratti aamiin jechuun akkami?

Gaafii: Khuxbaa jum’aarratti hogguu imaamni duaaii godhu jalaa aamiin jechuun maal qabdi?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii duaaiin sumuda hin qabne hin qeebalamtu hadiisa jedhutu jira. Sumudni ykn chaappaan duaaiidhaa aamiin jechu. Garuu ammoo ta sagalee ol fuudhanii bakka takkatti aamiin jedhan tanaa miti. Suutumatti matuma ufiitiif namuu bakkuma jiruu aamiin jechuun waa takkallee dhoorkaan hin jiru. Ta bakka takka takkatti guyyaa jumu’aadhaa sagalee ol fuudhuun Radiyallaahu anhu jedhan san bid’a.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
5.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 20:53:47 158: Daa’ima du’e awwaalaniiti moo osoo hin awwaalle irratti salaatan?
 
Gaafii: Namna tokko yoo ilmoon irraa duute, ilmoo tana osoo hin awwaalle irratti salaatan moo achi booda?

Deebisaa: Salaanni janaazaadhaa bifa lama qaba. Manatti takkaahuu masjiidatti osoo hin awwaalle irratti salaatu. Warri salaanni bakka lamaan tanaa dabre, waan dhalaa hin tahin qabritti eega awwaalan booda irratti salaatuu ni dandaya. Karaa lachuu rakkoon takka hin jirtu.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
4.2K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 20:53:47 157: Tasbiiha tasbiin godhuun akkami?

Gaafii: Namni hoggaa salaata irraa bahe tasbiiha godha; gariin namaa tasbeen godha; gariin qubaan godhaa kamtu irra caala?
 
Deebisaa: Irra caalaan tasbiihaa qubaan godhu. Tabsiin ammoo bid’aa yoo sirraa argamtellee humaa hin qabuu itti hin dilooftu. Garuu bid’aa irraa fagaachutu gaari. Akka Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti qubaan godhuutu caala. Maalif jennaan guyyaa boruu qubni kee kun dubbachuuf jiraata; ragaa siif baha. Tanaaf jecha akkuma Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti kama qubaa caalchisii kaan ufirraa dhiisi.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.4K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 20:53:47 156: Waan namni gate yoo fuudhee nama biraatiif kenne maal qaba?

Gaafii: Bakkaan dalagutti waan namni itti haajamu cufa alarraa fidan. Duuba jarri kun bikka ooyruu haa tahu, bikka manaa haa tahu, waan kana achumatti dhiisanii biraa deeman. An ammoo waan kana fuudhee namaa qooda. Waan kana keessatti balleessaa qabaa?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii wanna gaafii fidu cufa waatu jala jiraa beekkadhu. Yoo fakkeenyaaf ruuza jiraa, sukkaara, shaahii bitanii achi kaayanii hoggaa dhufan ka itti haajaman taate, amaanaa san achumatti jabeessuutu sirra jira. Yoo nyaanni isaan fidan nyaata bilchaataa tahee nyaatuma kanaahuu itti haajamnaa firiijii keessa nuuf kaayi ka siin jedhan taatees kaayuun sirra jira.

Yoo ammoo waan kana yoon kenne, yoo sadaqadhes na hin gaafatanii beeyte, humaa takka sirratti hin jiru. Garuu eega shakkiin bakka tanatti jiraattee, waan isaan dhiisan kana deebi’ii gaafadhu. An waan kana ol hin kaahu; waan ol kaahan qalbiin nama gammaddee hin nyaattuu miskiinaaf kenna jedhiin. Nyaata jiraas haa tahu, bilchaatas haa tahuu hayyama gaafadhuu uf qulqulleessi.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 20:53:47 155: Du’aa’ii godhanii harka dhungatanii dibachuun akkami?

Gaafii: Namni tokko tokko hogguu duaaii kadhatu harka lamaan isaa dhungatee harkuma san qaamatti dibata.
 
Deebisaa: Rabbiin kadhaa isaatti hoggaa nu kaasu Nabiin keenyallee ﷺ hoggaa nu barsiisu harka olfuudhanii kadhachuun barbaachisa. Harka olfuudhan san dhungachuufi qaamallee diddibuun bid’a. Garuu galgala akka Nabiin keenya ﷺ nuuf himetti hoggaa firaasha irratti olbaatu aayatoowwan ruqyaadhaa sadi sadii qaraatee qaama kee uf dibuun humaa hin qabu. Bakka duaaiitti qaama uf diddibuu garuu daliilli itti hin jiru. Kun bid’aadha.

Dr. Liwaa’ulislaam
 
2.9K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 20:53:22 154: Namni Kiristaanaa yoo Qur’aana kiyya harkaan tuqe maaltu narra jira?

Gaafii: Makiinaa takka nama hedduu waliin korree Qur’aana harkaa qabu makiina keessatti irranfadhee bu’e. Namni na cinaa taa’aa ture ka kirstaanaa Qur’aana san fuudhee naa kenne. Maaltu narratti jira?
 
Deebisaa: Namni tokko hoggaa bakka takka dhaqe sagaraas haa tahu, makiinaa keessas haa tahuu kalaama Rabbii guddaa bakka isaan malte kaayuu qaba. Garuu yoo irranfiidhaan wanni akkanaa nama irraa argame wamaa namarratti hin jiru. Namni siif kenne kun silaahuu kaafiraa waan beeku hin qabu. Silaa isarratti haraamii garuu waan itti kennitee naa kenni hin jedhiniin humaa sirratti hin jiru.
 
Dr. Liwaa’ulislaam
3.0K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 17:53
Open / Comment
2022-10-16 07:07:20 153:Nama mirga keenya hin eegne akkam goona?

Gaafii: Nama tokko ka wajjiin gallu ka wajjiin nyaannee dhugnu jidduu teenyatti dhibdeen takka argamte. Tanaaf  jecha inni kun nu wajji salaatuu hin fedhu. Namoota kiristaana fa wajjiin haasawuudhaan raadiyoo nurratti banuudhaan hedduu nu cinqa. Namni kun mirga keenya hin eeguu akkam tahuu nuuf wayya?
 
Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii namticha waldiddaatu nu jidduu jira jette kana wajjiin nyaannee dhugna himte. Namni wajji nyaatu jidduu isaatti nagayuma. Isin wajjiin salaatuu dhabuun ammoo ka inni itti aara qabu namoota imaamatti hidhaati moo imaama namaan salaatu?

Namni inni itti aarii qabu yoo imaama san taate, imaamaaf jecha salaata itti hidhachuu diduun sun wallaala isaati. Akkuma san namoota imaama boodaan salaatan kana keessaa namni inni itti aara qabu jiraachuudhaaf jecha salaata Rabbii salaatul jamaa’aa irraa uf hoongessuun wallaala isaati. Ibaadaa Rabbiitiifi waldiddaa keessan wanti walitti hidhe hin jirtu.

Akkuma san yeroo namni ibaadaa godhu nama shaagaluun kunilleen badiin isarratti jira. Tanaaf jecha ammoo nama wajjiin nyaachaa wajjiin dhugaa jirtan kana eega qoonqoorratti wal taatan wajji galuun keessanis ni malaa waldiddaan rakkinaa mitii wal fayyiftanii ibaadaa Rabbii irrattillee waltahuun dirqama keessani. Rabbiin walitti isin haa fayyisu.

Dr. Liwaa’ulislaam
3.7K views𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐬𝐢 𝐝𝐡𝐢𝐛𝐞𝐞𝐟 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞?, 04:07
Open / Comment