🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

SIN JAALADHA BIIFTTUU Mana baruumsatti Maqaa kee barreessu | Hacaaluu official

SIN JAALADHA BIIFTTUU


Mana baruumsatti
Maqaa kee barreessu
Hoggun karaa deemus
Waa'ee kee hasaasu
Mana kootti galus
Suuraa tee daawwachu
Hin hifadhu yoomu
Abjuun si hammachu
Hirriiba ol ke'ee
Imimmaan haqachuu
If biraa si dhabee
Tiraazii hammachuu
Malee hojii biraa
Wallaale hoojjachu
Jaalala teetifu
Mataa Koo yaadachu
Irraanfadheen jiraa
Dirmmadhu Mee michu



Yoon rafus Yoon ko'u
Aduu dhiitee baatu
Iji tee calaqqeen
Akka biifttuu ifttu
Deemssa kee tarkaanfin
at lafaan qusattu
qaxii dhukii male
Tarkaanfachaa deemttu
Ija koorra taa'a
Akka Waan gaaddidduu
Na duraa hin Badu
Aduu dhiitee baatu
Sin jaaladha biifttuu
Urjii leeyllii ifttu
Jaalalan moofoynne
Akka carqii cittuu
Oson si jaaladhuu
Lubbuun too haa baatu
Siif jettee jiruun too
Saafin haa booroyttu
Siif je'ee Yoon du'es
Lubbuun Nan mararttu
Atummaan naaf koottu
Loo'ii akka lootuu
Calaqqisaa koflaa
Ifaa akka biifttuu
Iji Koo gammachuun
Imimmaan haa yaafttu
Lubbuun too gammachuun
Farda haa yaabbattu
Onneen too jaalalaan
Jannata haa seenttu
Abjuun kiyya kalee
Anaaf haa dhugoomttu
Qamnni kiyya dhugaan
Akka si hammatu

Halaalaa si yaadun
Onnee too namiite
Koottu na jaaladhu
Jaalala ulfooytte
Onneen haa jiraattu
Jireenya mi'ooytte
Onneen too sirkannaan
Gammachuun bukooytte
Jireenya jalqabdi
Joollumma deebite!!

https://t.me/joinchat/2jMqc1azRh81N2Fk