Get Mystery Box with random crypto!

Hacaaluu official

Logo of telegram channel orointert — Hacaaluu official H
Logo of telegram channel orointert — Hacaaluu official
Channel address: @orointert
Categories: Entertainments
Language: English
Subscribers: 377
Description from channel

🎤 Sirbota Oromo Haaraa
📼 Sirbota Oromo Durii
📷 Suraawwan Garagaraa
📖 Senaa Gototaa
📄 Walalo Adda addaa
🌎 Oduu Wallagaa Arfan
📝 Yaada yoo qabaattani fi
📊 Beksisaaf yoo barbaaddan @kedir_Yasin
❤ oro ❤

Ratings & Reviews

3.33

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

1

2 stars

1

1 stars

0


The latest Messages 31

2021-05-13 00:04:09 Oduu ammee

Ministeerii barnoota barattoota 2013 Yunivarsiitii galanafi gaafa guyyaa... seemore
159 views(Abula) , 21:04
Open / Comment
2021-05-12 23:37:53
Vedio aja'ibaa milishaan naannoo Amhara uummata walloo irratti dhukasa bananii gaafa Abo 5'neen gaafa ...... itti fufuuf
43 viewslami nato, 20:37
Open / Comment
2021-05-12 23:28:07 deeme amma garuu waan maraa kophaa koo yaadee
namni ani bultii waliin ijaarachuu qabu namni dhugaan
na jaalatu sihi jedhee itti amanee jira kanaafuu jaalala
teetiin qabame dhifama naaf godhi eddo jirtu natti himi
dhufee si fuudha naan jedhe
Anis rifadhee bilbila irratti cufee booyuu jalqabee
mucaan gammojji keessatti lubbu to du'a oolchee waan
san hunda naaf tahe har'as araada keessa na baase
jaalala naaf kenne waliin jaalala jalqabe garuu jaalalleen
kiyya kan jalqabaatis dhiifama na gaafate onneen to
bakka lamatti na qoodamte mee maal naaf wayya maal
godhi naan jettan osoo isin tahee maal gootan mee?


#Share

Join @Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia
118 viewsHakish , 20:28
Open / Comment
2021-05-12 23:28:07 @inspire_Oromia

kootti waliin galle
Booda jaalalleen ko mana yala na geesse anis fayyee
jiraachuu jalqabnee jaalala mi'ooytuu osoo jiraannu ji'a
4 waliin jiraanne ji'a 5ffaa keessa jaalalleen koo na
dhiise na biraa bade eddoo inni jiru wallaale eddoo
biratti akka mana kireeffatee jiraataa jiru dhagahe garuu
essa akka inni jiru hin beeku maaliif akka inni na gatee
deemes hin beeku baay'ee cinqamee maraadhe waan
tahu wallaalee ji'a tokko guutuu isabarbaade argachuu
hin dandeenne ji'a tokko booda naaf bilbilee ani si
wajjiin jirachu hin barbaadu dhifama naf godhi nagahatti
jedhee bilbila narratti cufe
Halkan san booyaa bule bakka seenu wallaale maatii
koo yaadadhe warri koo ani dubay jiraan na beekan ani
isaaf jedhee rakko kana hunda keessa taree isa argadhe
inni ammo ji'a sadi natti fayyadamee na gatee na biraa
dheesse guyyaan natti halkanaaye jiraachuu koo jibbe
kan jiru biyya ormaa keessa guyya hunda ni booya
ijoolle oromoo kan argu maraa isa gaafadha namni
marti hin beeknu naan jedhan booda hintala akkuma ko
kophaa jiraattu tokkon wal barre fuute mana isheetti
naan galte halkanuma san mana dhugaatii na fidde anis
jaalallee ko dhabee jiraachuu waan hin dandeennef
dhugaatii fi araada garagaraa keessa seenee uf dhoksuu
akka qabu murteesse sigaaraa dhuguu jalqabeshiishaas
dhuguu jalqabee dhugaatii alkoolis dhuguu jalqabe
Haaluma kanaan waggaa tokko guute guyya tokko
gurbaan lubbu ko du'a olche sun karaa irratti na arge
maal taate naan jedhe fuulli ko baay'ee itti jijjiirame
anis wanta uummame itti hime baay'ee naaf gadde
mana isaatti fuudhe na galche waan hunda itti haasaye
innis UN galmaayee akka jiruu fi hojiis akka qabu naaf
hime jaalallee keetis siif barbaada ati araada keessa
jirtu dhiisu qabda naan jedhe na gorse suutuma suutaan
araadas irraanfataa dhufee gurbaan kun nama gaarii fi
nama barates waan taheef haalli isaa baay'ee natti tole
hojiis naaf arge anis hojii jalqabee garuu yeroo hojii
jalqabe san jaalallee koo dagachuu waan dadhabeef
dhokadhee sigaaraa aarsuu jalqabee yeroo hojii geesse
mana mucaa kanaatti waan galuuf mucaan kun yeroo
mara naaf yaada mallaqas naaf kenna waan hundaan
waan na gargaaraa tureef guyyaa tokko galgala teenne
osomaa haasoynu ati maaliif waan kana hunda naaf
taate jedhee gaafannaan guyyaa gammoojjii keessatti si
arge san irraa jalqabee si jaaladhe saniif kana hunda
siif taha ati garuuu onneen tee nama biraa waan
jaalatteef jaalala kee irraa si hin jeequ jedhee osoo si
jaaladhu obsee taa'aa jira naan jedhe yeroo inni akkas
naan jedhu imimmaan koo qabachuu dadhabe baay'ee
booye innis hin booyin ani yeroo kamiyyu haga dandahe
si cinaa jira naan jedhe
Ammas guyya tokko dalagaa geesse yeroo ani galu inni
mana jira guyya kana ammo na waliin jiraadhu ani
jaalala keetin miidhame naan jedhe anis jaalallle ko kan
jalqabaa dhugamaan waan jaaladhuuf isa dagachuu
dadhabe gurbaa kana jaalachuu hin dandeenne yeroo
dheera booda garuu jaalala qulqulluu naaf kenninaan
mucaa kana jaaladhe akkuma ani mucaa kana
jaaladheen torbaan tokko yeroo gahu jaalalleen koo ka
duraanii ka najalaa bade sun naaf bilbilee dhiifama na
gaafate amala ko sirreesse si waliin jiraachu qaba waan
maraa gaabbe jira dhiifama naaf godhi badii kiyya
hunda irraa baradhee jira jireenyi koo si malee akka
duwwaa tahe argee jira ati yeroo dubay jirtu dhugaan na
jaalatte ani garuu yeroo san dhugaan si hin jaalanne
jaalalli keetis dhugaa natti hin fakkaanne yeroo ati anaaf
jette biyya masrii dhufte wanni marti natti jijjiirame ani
dhugaan si hin jaalanne ati garuu anaaf jette gammojji
keessatti dararamte waan dhufteef osomaa si hin
jaalatin narraa deemi siin jechuun natti ulfaatee obsee
ji'a 3 si waliin jiraadhe san ka godheef waan hamilee
kee tuquu hin barbaannefi booda garuu jaalalli ani siif
qabu ka kijibaa waan taheef kijibaan jiruu kee
balleessuu irra sirraa fagaachuu filadhe saniif si dhiisee
113 viewsHakish , 20:28
Open / Comment
2021-05-12 23:28:07 SEENAA JAALALAA KAN DHUGAA BIYYA MASRII IRRAA


Maqaan koo dureetti jedhama waggaa 3 biyya dubaay
jiraadhe yeroo biyya dubay jiraadhu mucaa tokkoon
facebook irratti wal baranne inni kan jiraatu biyya masrii
ture bilbilaa fi facebookiidhaan osoo waliin haasoynu
yeroo dheeraa booda jaalala keessa waliin seenne innis
baay'ee akka na jaalatu natti himaa ture anis amala
isaatii fi kabajaa inni naaf qabu laalee baay'ee isa
jaaladhe
Booda osomaa wal jaalannu inni biyya masrii waan
jiraatuuf akkamitti wal arguu dandeenna jennee
mari'anne dhumarratti akka ani isa bira dhaquu qabu
naaf hime anis waan baay'ee isa jaaladhuuf tole jedhee
hojii kootii fi warra koo kan gargaaraa ture dhiisee isa
bira deemuuf murteesse san booda mallaqa haga
dalagadhe harkatti qabadhee finfinneetti gadi bu'e
Akka ani finfinnee jiru warri kiyya hin beekan anaa
fijaalallee ko qofatu beeka akkuma finfinnetti gadi
bu'een jaalallee kootiif bilbile innis osoo warra koo hin
dubbisin akka karaa masrii deemu qabu natti hime anis
jaalala isaatiin qabamee jira waan taheef waan inni
naan jedhu diduu hin dandeenne tole jedheni karaa
suudanitti imaluu jalqabe guyyaa 7 booda beelaa fi
dheebuu hamtuu keessa bahee biyya sudan gahe yeroo
biyya sudan gahe nama tokko kan beeku hin qabu
baay'ee rakkadhe miidhame
Ji'a 4 beelaa fi dheebuu akka malee hammaataa fi
jireenya baqaa keessa ture booda dallaala biyya sudan
irra kara biyya masrii nama geessu argadhee
gammoojjii oo'i isaa akka ibiddaatti nama gubu
qaxxaamuruuf garaa koo kutadhe ka'e yeroo sanatti ani
osoo lubbuun kiyyana keessaa baateelle jaalallee koo
kan argachuu qabu san qofa yaada malee homaa natti
hin dhagahamu booda imala jalqabnee guyya 4 booda
gammoojjii keessatti nyaatafi dhugaatiis fixadhee
baay'ee na dhukkubee warri dallaalaa karaa irratti na
darbanii na biraa deeman anis ciisee yeroo ruuhiin itti
na keessaa baatu qofa eeguu jalqabe
Sa'aatii 6f gammojjii keessa kophaa ko oso ciisu
konkolaataan baqattoota fe'eedeemu tokko natti dhufee
baqattoota sanniin keessaa gurbaan tokko afaan
oromotin na dubbise maal taate naan jedhe anis na
dhukkuba yoo jedheen na hin fuudhan jedhee waan
sodaadheef konkolaataa irraa kufe asitti na gatani
deemani konkolata keessan irratti na fe'aa jedheenii
kadhadhe dallaalli konkolaataa san oofu na fuudhuu dide
gurbaan oromoo kuni naaf kadhate isas dhagahuu dide
bakka itti si fe'u hin qabu jedhee na dide booda gurbaan
oromoo kuni nyata fi dhugaati isaa konkolaataa irraa
fuudhee akkanatti si dhiise hin deemu jedhee na biratti
hafe
Halkan san nyata fi dhugatis waan qabnuuf akkasumatti
gammojji keessa bulle guyyaa itti aanu konkolaataa
gaaza fe'ee deemu wahii karaa san dhufee kadhannee
nu fuudhee daangaa biyya masrii jalaan nu gahee nu
buuse gurbaa oromo kan na waliin jiru kana seenaa
kiyya hundumaa itti himee

Join
@Inspire_Oromia

Facebook
fb.me/InspireOromia

jaalallee koo bira deemaa jira
jedheenii waan hunda itti hime innis baay'ee isa
ajaa'ibee haga ati jaalallee kee ijaan agartutti si
gargaara naan jedhee waadaa naaf gale
Amma daangaa biyya masrii jala waan jirruuf lukaan
sa'aatii 8 eega deemne booda konkolaata argannee
konkolaataan fuudhe biyya masrii nu seensisee sana
booda jaalallee kootiif bilbile innis baay'ee gammade
bakka ati jirtu amma dhufee si fuudha naan jedhee
eddoo ani jiru bilbila namaa naaf kennee arabni tokko
dhufee na fuudhee biyya jaalalleen koo jiru na geesse
haga ammaatti gurbaa karaa irratti lubbuu tiyya du'a irra
na olche waliin jirra dhumarratti jaalalleen koo dhufee
wal agarree ani baay'e waan na dhukkubeef gammojji
saharaa keessa waan tureef bifti koo guutumaan
guututti jijjiiramee jira jaalalleen koo na ilaale booya ani
garuu isa ijaan arguu kiyyaaf gammadee uf wallaale
gurbaan na waliin jiru kunis lubbu tiyya du'a irraa akka
oolche itti hime nu lamaanuu deemne mana jaalalle
122 viewsHakish , 20:28
Open / Comment
2021-05-12 22:46:05 BAGA GESSAN MUSLIMONNI jechaa
Sobuun Aadaa Oromoo miti kanaaf soba tokko malee channel kenya #KUSH_TUBE jedhu kanaa gadii aadaa fi dhudhaa oromoo kan of kessa qabu join isa jedhu itti bu'aa wal guddifna isin jaalanna
132 viewsKEDIR YASIN (walloo), 19:46
Open / Comment
2021-05-12 22:42:47
Vedio aja'ibaa milishaan naannoo Amhara uummata walloo irratti dhukasa bananii gaafa Abo 5'neen gaafa ...... itti fufuuf
67 viewslami nato, 19:42
Open / Comment
2021-05-12 22:40:55 Watch " ||NAMNI SI JAALLAATEE SIIF DU'E JIRAA...HAACAALUU HUNDEESSAA|| " on YouTube


220 viewsJossy Tujuba, 19:40
Open / Comment
2021-05-12 22:32:41 Oduu ammee

Ministeerii barnoota barattoota 2013 Yunivarsiitii galanafi gaafa guyyaa... seemore
239 views(Abula) , 19:32
Open / Comment
2021-05-12 20:54:24 Sirritti qalbeeffadhu!

Yoo sitti tole hiriyyoota keef qoodi!


1) Bolla namaaf qottu gad hin fageessin tarii sumaaf ta'uu danda'aa.
2) Gowwaan mul'ata hin qabne qilleensa habbuuqqatee tufa.
3) Harreen akka namatti yaaddu jiraachuu baattus namni akka harretti yaadu hin dhabamu.
4) Har'a na sobuu kee osoo hin taane boru si amanu dhabuu koottin gadda.

Join
@Inspire_Oromia

Facebook
fb.me/InspireOromia

5) bara bofti nama hidde lootuun arraba namatti baafti.
6) beekaan beekkumsa qabu yoo gurra ittiin wallaalaa dhagahu qabaateedha.
7) namni siif sobu deebi'ee akka si sobu hubadhu.
malaan malaa malaasu
8) kan garaa jiruuf kan karaa jiru rabbiitu beeka.


#Share

Join @Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia

Facebook fb.me/InspireOromia
4 viewsHakish , 17:54
Open / Comment