🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Barattoota obboleewwan keenyaa kan qormaataaf qophii irra jir | Al-risala-tube

#Barattoota obboleewwan keenyaa kan qormaataaf qophii irra jirtan hundi keessanuu rabbiin nagahaan qormaataan isin gahee bu'aa gaariidhan isin haa gammachiisu. Gammachuun keessan gammachuu keenna.

#Rabbi isinii haa laaffisu, homtuu isin hin dhibin, Deebiin isin deebistanii fi itti gurrachessittan kanuma sirrii haa tayu.

#Haadhaafi Abbaa keessanirraa Du'aa fudhaa rabbi kadhaa, Waswaasii gargaraa ofirraa maganfadha, bismillaah jechuun jalqabaa, waan hojjettan keessatti tasgabbii qabaadhaa hundumtuu laafaa taya inshaa'allaah.

#Hunda nama qoramuufuu Rabbiin Qormaata kana kan gammachuun eegaluun gammachuun xumuurtan kan bu'aa yaaddanii ol itti argattan rabbi haa godhu. Amiiiiiin

#Rabbiitti erkadhaa, namni rabbi qabu waanuma dhabee hin qabu. Rabbi isin waliin haa jiraatu.