🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Mootummaan Sa’uudii sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachu | Al-risala-tube

#Mootummaan Sa’uudii sirna Hajjii bara kanaa irratti hirmaachuuf haal dureewwan barbaachisaan ifoomse.

#Mootummaan Sa’uudii tatamsaa’a dhibee Koroonaa Vaayirasii to’aachuuf jecha, ulaagaalee lammileen biyyattii fi kutaalee Addunyaa garagaraa irraa sirna Hajjii   bara kanaa irratti hirmaachuuf fedhii qaban dirqama guutuu qaban jedhe ifoomse.

#Miidiyaaleen biyyatii ministeera fayyaa Sa’uudii wabeeffachuun, Lammileen biyyattii sirna Hajjii baranaa irratti hirmaachuuf, baatii Zulhijjaa dura Talaallii COVID-19 kan mootummaa biyyatii irraa beekkamtii argate fudhaachuu akka qaban gabaafame.

#Lammileen kutaa Addunyaa garagaraa irraa hirmaachuuf fedhii qaban immoo Talaallii COVID-19 kan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa beekkamtii argate dirqama akka fudhattuu qaban Gaazeexxaan Ajil jedhamu gabaase.

#Akkasumas Dooziin talaallii fudhatamuu qabuu qajeelfama Dhaabbanni Fayyaa addunyaa (WHO)  ka’e irratti kan hundaa’e fi Talaallii marsaa lammaffaa gara Sa’uudii seenuu torban tokko dura akka fudhattuu qaban beeksise.

Dabalataanis hujjaajonni  gara Sa’uudii imaluu dura waraqaa ragaa sa’aa 72’n dabre keessatti qorannoo COVID-19 irraa qulqulluu ta’u  mul’isu qabachuu akka qaban ibsame.

Guutuu Addunyaa irraa waggaa waggaan muslimoonni miliyoona lama ol sirna Hajjii raawwatuuf gara Sa’uudii imaluun ni beekama, haa ta’u malee waggaa dabre Sa’uudiin sababa weerara  COVID-19 balbala cufachuun, namoota biyyattii keessatti argaman
1000 qofaaf hayyamuun ni yaadatama. #Nh