{ Salaata taraawiihaa } #Salaanni taraawiiha salaata halkan ramadaanaa hunda salaata ishaaiidhaa booda, witrii dura salaatamu salaanni taraawiihaa dhiirafii dhalaaaf ni barbaadama, nabiin nageenyi isarratti haa jiraatuu akkaan salaatuu ture. Ammalle nama itti kaasuu ture asaabotaafii warri Sahaaba dhaqqabe hundi jabeessanii salaatuu turan. Taraawiihni asxaa ramadaana barakaa qabuuti. Isiin nama biratti kabajaa qabdi Rabbi biratti sawaaba guddaa qabdi. halkan Ramadaanaa maaliin dabarsan. salaatafii zikriiin quraana qarauudhan jiraachisudha. waan Rabbiin jeu dhugooomsanii sawaaba Rabbii argatuuu jecha waan kanniin yoo dalagan diliin cubbuun dabarte namaaf dhiifamti. Akkuma Hadiisaan dabre "ﻣﻦ ﻗﺎﻡ ﺭﻣﻀﺎﻥ ﺍﻳﻤﺎﻧﺎ ﻭﺍﺣﺘﺴﺒﺎ ، ﻏﻔﺮ ﻟﻪ ﻣﺎ ﺗﻘﺪﻡ ﻣﻦ ﺫﻧﺒﻪ" “Namni Ramadaana dhaabbate dhugooomsaa abdachaa badiin isaa ta dabarte araarama godhamtiif.’’ 978 views15:27