🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

☆Gaaffiif deebii marsaa 73ƒƒαa ☆Leenjii, 'Buufamiinsaa fi wali | Al-risala-tube

☆Gaaffiif deebii marsaa 73ƒƒαa
☆Leenjii, "Buufamiinsaa fi walitti qabamiinsa Qur'aanaa" jedhu irraa, kutaa 2ffaa.
____________________

[1] Ergamaan Rabbii (SAW) Qur’aana (wahyii) Rabbiin irraa isaanitti dhufu ofiin barreessu waan hin beekneef sahaabota keessaa barreessitoota, yeroo keeyyanni (aayan) wayii buufamtu akka keeyyata san barreessan isaan ajaju turan.

#A| Dhugaa.
#B| Laa akkasi miti.

[2] Qur'anni yeroo kaliifa kamii Galmee tokkotti walitti qabame.

#A| Umar ibnul kaxxaab
#B| Abubekr-siddiiq
#C| Usmaan fi Aliyyi
#D| Zeeyd ibnu sabit

[3] ....... jechuun jecha tokko yommuu sagaleessan sagaleen garagara ta’u, Garuu kan hiikni isa tokkoo.

#A| Nahwii #B| Loqoda
#C| Qur'aanaafi kitaaba
#D| Lugaa fi loqoda

[4] Sahaabonni Qur’aana haffazanii turan kanneen Bukhaarin namoota torba sahiiha keessatti tuqeen ala kan tahe?

#A| Mu’aaz bin Jabal(r.a)
#B| Ubay bin Ka’ab(r.a)
#C| Zayd bin Saabit(r.a)
#D| Huzeeyfa ibn Al-Yamaan(r.a)

[5] Galmee Abu Bakr irraa loqoda jiddu-galeessa tokkoon Qur’aana kitaaba tokko keessatti akka barraa’u murteessan. Galmeen yeroo Abu Bakrii barraa’e haadha manaa Nabiyyi tan taate...... bira ture

#A| Kadiijaa(r.a) #B| Hafsaa(r.a)
#C| Zeeynab(r.a) #D| Aa'ishaa(r.a)

[6] Barreefamaan Qur’aana walitti qabuu iddoo saditti qoodanii ilaalun ni danda’ama. Isaanis...?

[7] #Qur’aana keessatti yeroo baay’ee maqaa Qur’aanaa agarsiisuuf jechoonni lama irra deddebi’amanii mul’atu. Isaanis...?

※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※
※ yeroon deebiin itti xumuuramu.
※ hanga salaata fajrii 11:00 .

※ ြၜAl-risala-tube
※ ြၜGaarommina qalbii.
※※※※※※※※※※※※※※※※※※※※