Get Mystery Box with random crypto!

#Dhukkuboota Hamarraa Rabbitti maganfachuu. Anas ibnu maaki | Al-risala-tube

#Dhukkuboota Hamarraa Rabbitti maganfachuu.

Anas ibnu maakil nabiin [s.a.w] akkana jedhaniiti Rabbi kadhatan jedhe “Allaahumma innii a'uuzu bika minal junuuni, waljuzaami, walbarasi,
wasayyi’il asqaam”

hiikkaan “yaa Rabbi maraattummaarraa, qomaaxummaarraa, soomiirraa (barasarraa), dhukkuba fofokkataa biroorraa sitti maganfadha”

Nasaa’ii 5493 fi abuudaawud 1454 odeesse. lafziin kan nasaaiyyiiti, albaaniin sahiiha godhe.

Barnoota hadiisa kanarra argannu.

1.dhukkuboota kanarraa nabiin [s.a.w] nimaganfate waan isiin hamtuu
taateef jecha.

2.fayyaan qananii Rabbii waan taateef Rabbiif galata galchuufii ufirratti jabaatanii eeguu barbaachisa.

3.sababaalee ittiin fayyaan namaa eeggamu kan Rabbiin namaa
godhe hunda eeggachuun gaariidha.

Waan rakkoo dhukkubaa namatti fidurraalle fagaachuun akkasumatti barbaachisaadha.