🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali? A | Al-risala-tube

Adda Addummaan Shirkii Guddaa fi Xiqqaa gidduu jiru Maali?

Adda addummaa gidduu isaanii jiran keessaa: Shirkii Guddaan namni isa raawwate duniyaa keessatti Islaaman ala akka ta’e itti murtaa’a; aakhiratti ammoo ibidda keessa bara baraan jiraata.

Shirkii Xiqqaan garuu namni isa raawwate duniyaa keessatti kaafirummaan itti hin murtaa’u; aakhirattis ibidda keessa bara baraan hin jiraatu. Gara biraatiin shirkii guddaan dalagaa hunda kan balleessu yoo
ta’u, shirkiin xiqqaan garuu dalagaa irratti argame sana qofa balleessa.

Ammas qabxiin irratti wal dhabame kan biraa namni shirkii xiqqaa hojjate akkuma
nama isa guddaa hojjatee tawbaa malee araara hin argatu moo ni argata?
yookan akkuma cubbuu gugurdaa biraatiinis fedha Rabbii irratti hundaa’a?
kan jedhu. Kamii isaanillee yoo ta’e garuu lamaanuu garmalee hammaatoodha.