🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyada | Al-risala-tube

#Leeylatul-qadr, carraa waggaatti yeroo tokko kana haa fayyadamnu.


Hubadhu Halkan Leeylatul-Qadrii waan bararu kan samii gubbaa barbaadamu kan mullatuu miti. Halkan Leeylatul Qadrii Malaaykaan Jibriilii wajjiin gadi buuti garuu waan ilmi namaa samii keeysa ol ilaalee arguu miti. Wanti Nurraa eeggamu Ibaadaa kudhanan boodaa kana itti jabaachuudha.

#Salaata Fardii, Sunnaa Halkanii, Quraana, Zikrii,Du’aaii itti jabaachuudha. Namni tokko halkan Leylatul qadrii beekee ykn dhiiseef miti dubbiin, wanni barbaadamu guddoon Ibaadaatti cimuudha.

#Namni halkan Leeylatul Qadrii hin beyne tokkos niyyatee halkan san dhaabbatee salaatuun, du’aa'iin, Qur'aanaan yoo dabarse Rabbiin badii isaa tan dabarte isaaf dhiisee, Ibaadaa baatii kuma 1000 olii isaaf ni galmeeysa.

Yaa allaah nu waffaqi.
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩