Get Mystery Box with random crypto!

Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaa | Al-risala-tube

Gaafiif deebii waa'ee soomana bulii 6(jahan), kan ji'a shawwaal.
――――――――――――――――――
① Hukmiin isaa maali? sunnaa jaalatamaadha.

② buliin jahan kun murtaa'aadhaa? Lakkii buliin kunniin baati shawwaal 29/30 keessaa kan inni hin soomanamne gaafa tokko jedhu sana qofa jechuunis gaafa guyyaa iidaa sana qofa malee buliiwwan hafan kaanniin keessaa jechuunis shawwaal gaafa bulii lamaffa irraa kaasee guyyaa jaha walitti aansees addaan babaasees soomuu ni danda'a. Ammoo osoo booduma iidaatii bulii jahan walitti aanan osoo somane gaariidha.

③ Namni qadaan soomana waajibaa irra jiru ajrii kana saamachuuf yoo dursa buliwwan shawwaal tana soome ni tahaa? Hin ta'u maaf jennaan jechuma rasuulaa (s.a.w) irraayyu hogga kaanu" Namni ramadana soomee ergasii shawwaal hordofsiise..." jedhan. Lammaffaa deeynii kaffaluun dirqama soomanni ramadaan deeynii rabbiiti dursa deeynii kaffalaniit sunnaa itti aansan.

④ Qadaa Soomana dirqamaatiifi soomana shawwaal guyyama tokkotti walitti qabee yoo niyyate ni ta'aa? Hin ta'u niyyaa qadaa'aa fi niyyaa sunnaa walitti qabuun.

⑤ Namni tokko erga fajriin bahee soomana shawwaal kana nan soomana jedhee yoo niyyatte akkami? Soomana sunnaa keessatti yoo namni sun waa hin nyaatin takkaa waan soomana jalaa balleessu hin raawwatin erga biiftuun baate boodas nan soomana jedhee yoo niyyatee soome rakkoo hin qabu. soomana waajibaaf ammoo niyyaan fajrii dura.

⑥Ajriin soomana bulii jahan baatii shawwaala maali? Ajrii gurguddaa qaba, isaan keessaa kan rasuulli s.a.w hadiisaan nuuf ibsan,
~kan abbaan ayyuub al ansaariin nuuf dabarseen"Ergamaan Rabbii (s.a.w) ni jedhan: "Namni Ramadaana soomee ergasii Shawwaal irraa guyyaa jaha isa hordofsiise akka waan waggaa guutuu soomee ta'a. Muslimtu gabaase.
~bakka hanqinni waajibaa keessatti jiru siif guutti: guyyaa qiyaamaa rabbiin (s.w) wanti jalqaba gabarroottan isaa hisaabuu salaata yoo salaanni wajibaa miizaana hin guutiniif malaa'ikaa isaa ajaja akka sunnaawwan isaa ilaalani bakka hanqina waajibaa sana guuttuuf.

※ mallattoo keeyriin kan kee itti fufiinsa qabaachuu fi soomanni kan kee darbees Yoo rabbiin fedhe sirraa jaalatamuu siif taati.

"Walumaa galatti soomanni bulii jahan ji'a shawwaal kan sadarkaa hedduu fi ajrii guddaa qabu waan ta'eef dhiiras ta'e dubartii namni soomanuu dandenyu haa soomannun dhaamsa keenya".

※Yaa rabbi soomanuu nuuf laaffisi, kan soomnes nurraa qeebali. Aamiin.

∴maddoota website islama kanniin daawwadha: ¹ https://mawdoo3.com/فضل_صيام_6_أيام_من_شوال
² https://binbaz.org.sa/fatwas/12637/لا-يشترط-التتابع-في-صيام-ست-شوال