🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

QAROO-OnlineLearn

Logo of telegram channel qarooonlinelearn — QAROO-OnlineLearn Q
Logo of telegram channel qarooonlinelearn — QAROO-OnlineLearn
Channel address: @qarooonlinelearn
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 9.52K
Description from channel

🌟Teachers and students help center channel
📚university students
📚 Dept books
📚fresh man course
📚Grade 9 - 12
📚Grade 5 - 8
📚Grade 1 - 5
↪Share and Support your friends
🌟Qaroo'n argartuudha ( ija 👁👁)
Inbox 📩 @QarooOnlineLearnBot
.

Ratings & Reviews

2.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


The latest Messages 5

2022-10-06 21:28:50
#kutaa_12ffaa
#Yuunivarsitii_Dirree_Dhawaa

Yuunivarsitiin Dirree Dhawaa barattoota qormaata ba'iinsa kutaa 12ffaa marsaa tokkoffaa (barattoota saayinsii hawaasaa) akkaataa sagantaa maxxanfameen simachuu eegalee jira.

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
471 views18:28
Open / Comment
2022-10-06 21:28:47
Yuunivarsiitiin Dambii Dolloo Barattoota Qormaata Seensa Dhaabbilee Barnoota olaanoo fudhachuuf gara Yuunivarsiitichaatti ramadaman simachuu eegale.

Yuunvarsiitichi karaa fuula feesbuukiisaa akka beeksisetti, barattoota Qormaata Seensa Dhaabbilee Barnoota olaanoo fudhachuuf gara Yuunivarsiitichaatti ramadaman simachuu eegaleera.

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
440 views18:28
Open / Comment
2022-10-06 21:28:46
Yuunivarsitiin Jimmaa barattoota kutaa 12ffaa qormaataaf gara Yuunivarsitichaa imalan haala ho'aa ta'een simataa jira.

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
395 views18:28
Open / Comment
2022-10-06 14:46:27
#Kutaa12ffaa

Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan akkaataa sagantaa imalaa isaaniitiin gara yunivarsiitiiwwan qormaataaf ramadamanitti gaggeeffamaa jiru.

Qormaata guyyaa wiixataa eegaluuf gara wiirtuu qormaataa isaanii seenaa kan jiran yoo ta’u, qaamolee nageenyaa ramadamaniin sakatta’insi taasifamaa jira.

Ityoophiyaatti yeroo jalqabaatiif qormaanni biyyoolessaa yunivarsiitiiwwan keessatti gaggeeffamu kun nagaan akka xumuramuuf poolisiin federaalaa kuma 8 ta’u kan hirmaatu ta’a, akkasumas nageenya barattootaa fi nageenya dhaabbilee mirkaneessuuf ni hojjata.

NB. Hordoftoonni amantii Islaamaa Fulbaana 28 guyyaa Mowlida(guyyaa dhaloota) kabajan, Dilbata ganama Fulbaana 29/2015 akka seenan Ministeerri Barnootaa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
690 views11:46
Open / Comment
2022-10-06 14:46:26
Baratootaaf haala mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra-Ministira Barnootaa

Baratoota qormaataaf dhufaniif haala mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra jechuun Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeessar Birhaanuu Nagaan himan.

Jilli Ministirichaan durfamuu Yuunivarsiitii Adaamaatti qophii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf kennuuf taasifamaa jiru daawwatameera.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaa daawwannichaarratti, yuunivarsiitiiwwan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf bara 2014 kennuuf qophiin taasisan gammachisaadha jedhan.

Qormaanni hannaa irraa billisa, nagaa fi qulqullinaan akka kennamuuf yaadame ta'u, himanii baratoota qormaataaf dhufan bakka ciisichaa fi nyaata mijeessuun itti gaafatama maatii fudhannee hojjachaa jirra jedhaniiru.

Gama kanaan qophiin taasifameef qaamoolee mootummaa tumsa taasisaa jiran galateeffataniiru.(FBC)

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
634 views11:46
Open / Comment
2022-10-05 17:08:54
kutaa 12ffaa Hubachiisa

Ministeera Barnootaa

Fulbaana 30/2015 kan eegalu qorumsi biyyalessaa kutaa 12ffaa barattoonni saayinsii hawaasaa marsaa 1ffaa Fulbaana 29 yuunivarsitii itti ramadamanitti ibsi guyyaa itti kennamu akka ta'e ibsuun keenya ni yaadatama.

Haa ta'uyyuu malee hordoftoonni amantaa Islaamaa ayyaana Mawlidaa Fulbaana 29/2015 kabajanii sanbata guddaa ganama mooraa seenuu akka danda'an haala addaan kan hayyamameef yommuu ta'u Ibsi/Orientation dhimma kana ilaalcha keessa galchuun sanbata guddaa waaree booda akka taassifamu kabajaa waliin beeksisaa, barattoonni kana hubachuu sa'a himame kanatti ibsa kennamu irratti akka argamtan cimsinee isin hubachiisna.

Ministeera Barnootaa!

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
635 viewsedited  14:08
Open / Comment
2022-10-05 17:08:12
Qormaata Biyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 mooraa Yuunivarsitiitti guyyaaa muraas booda kennamuuf deemu sabababeeffachuun Majilisni Musliimaa Federaalaa Xalayaa Ministeera barnootaaf bareesse.

Kaalenderiin qormaata biyyoolessaa gaafa guyyaa Moolidaa ta'uun fi Barattoonni Dubartootaa Muslimaa qormaata irratti akka niqaaba hin kewwanne dhowwamuun akka atattamaan sirreefamuu qabu majilisichi xalayaa guyyaa har'aa bareesseen gafateera.

Info   WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
560 views14:08
Open / Comment
2022-10-04 21:41:16
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf qophii gahaan taasifameera-BBO

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 irraa eegalee kennamuuf qophii gahaan taasifamuu Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon ibsan.
Barana Naannoo Oromiyaatti barattoonni kuma 393 fi 981 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan yoo ta'u,  qormaatichis Yuunivarsiitiiwwanitti kan kennamu ta'uun walqabatee, hanga danda’ameen barattoonni naannichaa Yuunivarsiitiiwwan Naannoo Oromiyaa keessatti argaman 14’n jiran kan naannawaa isaanitti dhiyootti akka ramadaman taasifamuu ibsaniiru.
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa Fulbaana 30 hanga Onkoloolessa 2, 2015 barattoonni Saayinsii Hawaasaaf, Onkololeessa 8-11, 2015 baratoonni Saayinsii Umamaaf akka kennamu Ministeerri Barnootaa beeksisuun kan yaadatamuudha.

More news visit WWW.QAROO.ORG

✤Join more news @QarooOnlineLearn

More news on YouTube




Share
678 viewsedited  18:41
Open / Comment
2022-10-04 21:41:16 ​Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Manneen Barnootaa Addaa Sad.2ffaatti Baratan Filachuuf Qophii Xumre

Barattoota manneen barnootaa addaa sad.2ffaa seenanii barataniif qormaata seensaa wiirtuu filatamanitti Fulbaana 25/2015tti kennuuf qophiin xumuramee jira.
Manneen barnootaa addaa sad.2ffaa waj barnootaa godinaalee, Bul.magaalotaafi Yuunivarsiitota Naannoo Oromiyaa keessatti argamaniin kan hundeeffamaniifi deeggaraman yammuu ta'u; barattoota qaxalee baay'inaan horachuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa  hojii bal'aa hojjetaa jira. 

Bu'uuruma kanaan, waajjirri barnootaa sadarkaan jirtan hundi barattoota qormaata seensaa fudhachuuf galmaa'anii qophiirra jiran waamicha taasisuun guyyaa jedhametti ganama keessaa sa'aatii 2:30tti wiirtuu qormaanni kennamutti akka argaman gochuufi seeraafi naamusa qormaataa kabajuun akka kennitan dhaamsa dabarsina.
BBO

Info WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
673 views18:41
Open / Comment
2022-10-03 17:00:51
Ibsa Ministeerri Barnootaa har’a baaseen:

(Pr. Birhaanu Nagga - Ministira Barnootaa)

- Naannoo garagaraatti sababa tasgabbii fi nageenyatiin barattoonni qormaata fudhachuu hin dandeenne walumaagalatti barattoota kuma 56 yoo ta'an, marsaa 2ffaatti qormaatamu jedhameera.

- Barattoonni ammatti qormaata hin teenye 56,000 ji'a tokko keessatti qormaata akka fudhatan ni taasifama.

- Qophii fi maxxansi qormaata biyyoolessaa fulbaana 30 irraa eegalee kennamu bifa teknooloojiin deggaramee fi nageenyi isaa kan eeggameedha.

- Barattoota gara bakka itti ramadamanitti kan geessan qaamolee nageenyaa naannichaa yoo ta'an, hojii nageenyaa fi sakatta'iinsa Yuunivarsitoota keessatti kan hojjatu #Poolisii_Federaalaati.


Info WWW.QAROO.ORG

More @QarooMagazine
966 views14:00
Open / Comment