🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

QAROO-OnlineLearn

Logo of telegram channel qarooonlinelearn — QAROO-OnlineLearn Q
Logo of telegram channel qarooonlinelearn — QAROO-OnlineLearn
Channel address: @qarooonlinelearn
Categories: Education
Language: English
Subscribers: 9.52K
Description from channel

🌟Teachers and students help center channel
📚university students
📚 Dept books
📚fresh man course
📚Grade 9 - 12
📚Grade 5 - 8
📚Grade 1 - 5
↪Share and Support your friends
🌟Qaroo'n argartuudha ( ija 👁👁)
Inbox 📩 @QarooOnlineLearnBot
.

Ratings & Reviews

2.00

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

0

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

2


The latest Messages 6

2022-10-02 21:54:10
Barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa Fudhataniif Haalli Geejjibaafi Simannaa Yunvarsiitiiwwanii Qophiin Xumurameera. Ibsaa guutuuf bareefama kana gadii linki kana banuun dubisaa

https://ambo.shagerjob.com/2022/10/02/1686/
466 views18:54
Open / Comment
2022-10-01 20:22:30 #Qormaata_Biyyaalessaa #Kutaa_12ffaa

Qormaati biyyaalessaa kutaa 12ffaa guyyaa muraasa booda kennamuu eegala.

Qorumsi yuunivarsitii (Dhaabbileebbarnoota olaanoo) keessatti akka kennamu ni beekama.

Qormaati kun kan eegalu Fulbaana 26 yommuu ta'u hanga Onkoloolessa 13 bara 2015 tura.

Sagantaan Qormaataa akka armaan gadiiti.

Barattoota Saayinsii Hawaasaa (Social Science) Marsaa 1ffaa
26-28/1/2015 Seensa Yuunivarsitii
29/2015 Oorenteeshinii
30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa

Onkoloolessa 3 hanga 4 barattoonni karaa naannoo isaaniitti deebi'u

Barattootaa Saayinsii Uumamaa (Natural Science) Marsaa 2ffaa

05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii
07/02/2015 Oorenteeshinii
08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa

Onkoloolessa 12 hanga 13 barattoonni karaa naannoo isaaniitti deebi'u

More news visit www.Qaroo.org
www.Qaroo.org

✤Join more news @QarooOnlineLearn
@QarooOnlineLearn

More news on YouTube





Share and Support your friend
1.6K viewsedited  17:22
Open / Comment
2022-10-01 20:18:58
Baga Ayyaana Irreechaa 2022n isin gahe!

Birraan bari’ee, roobni caamee, lafti qooree, lagni guutee ture hir’atee yoo jedhu Oromoon waloon malkaatti bahee Uumaa isaa galateeffata.

Oromoon ganni gurraacha jedha. Birraan ammoo ifa. Yaa Waaq ganna gurraacha nu baaste, balaa bakakkaa fi lolaa nu oolchite, lafa qoorsitee firaafi gosaan walitti nu deebiste galata jedha.

Harkatti marga jiidhaa ykn irreessa qabatee malkaa bu’ee Waaqa margaa fi bishaan uume galateeffata.

Bara kana Oromoon hongee fi beela kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti qe’ee isaa goole, akkasumas sababa wal-waraansa biyyatti keessatti adeemaa jiruun ajjeechaa jumlaa, buqqaatii fi rakkoo nageenyaa hamaa keessa irreeffannaaf hora bu’a.

yeroo Irreechi kabajamu kanatti abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, jaarsoliin biyyaa akkasumas irreeffattoonni marti kanneen hongee fi waraanaan miidhaman akka yaadatan, nagaa fi araarri akka bu’u Waaqa akka kadhatan hubachiisa.

Irra deebiin ayyaana gaarii isiniif hawwiina

▬▬▬▬▬ @QarooOnlineLearn ▬▬▬▬▬
1.5K viewsedited  17:18
Open / Comment
2022-09-28 23:28:41
Wayita Interneeta fayyadamtan bilbilli keessan maallaqa hedduu sin jalaa fixuun rakkachaa ?
Furmaati isaa hoo malii dubisaa

https://qaroo.org/wayita-interneeta-fayyadamtan-bilbilli-keessan-maallaqa-hedduu-sin-jalaa-fixuun-rakkachaa-jirtuu/

Telegram channel T.me/Lalisa_T_Ayana
158 viewsedited  20:28
Open / Comment
2022-09-26 19:20:43
kutaa 12ffaa

Ibsaa bal'aa bartoota kutaa 12ffaattif haala Qormaata ilaalchisee @QarooMagazine

Bara 2014/2015 barattoota kutaa 12ffaa Qorumsa fudhataniif mirga, dirqama, wantoota hayyamamoofi dhorkomoo!... Ibsaa guutuuf bareefama kana gadii linki kana banuun dubisaa

https://ambo.shagerjob.com/2022/09/25/kutaa-12ffaabara-2014-2015-barattoota-kutaa-12ffaa-qorumsa-fudhataniif-mirga-dirqama-wantoota-hayyamamoofi-dhorkomoo/
601 views16:20
Open / Comment
2022-09-25 22:32:31 Kutaa 12ffaa

Barattoota kutaa 12ffaa bara 2014/15 qormaata biyyoolessaa qoramtan mooraa Yuunivarsiitii ramadamanitti yeroo imaltan barattoonni wantoota qabachuu qabanii fi wantoota qabachuu hin qabne Ministeerri Barnootaa akka armaan gadiitti ibseera.

Akkasumas barattoonni akka of qopheessitan sagantaan akka armaan gadii kanatti waan qophaa’eef hubadhaa.

Wantoota Qabachuun Heyyamame Keessaa:-

uffata_qorraa, Huccuu_Tiraasii, Afata(ansoola) fi Uffata_halkanii,

Nyaata_goggogaa,( qorsoo, bassoo, fi micciiraa fa'a)

uffata, boorsaa, fi meeshaalee qulqullinna ittiin eeggatan.

Wantoota irraa dubbiftan:- dabtara, kitaaba, 'Guide' fi yaadannoo garagaraa.

Akkasumas meeshalee ittiin qoramtan:- Irsaasi, haqxuu, fi kan ittin bocatan, Admision kaardii fi waraqaa eenyumma(kan M/B ykn kan Gandaa).

Waraqaa qulqullu irratti qayyabattanis hin dagatinaa.

Wantoota Qabachuun dhorkaa ta’e

Meeshaa Elektirooniksii:- waraabduu_sagalee ,Viidiyoo fi suuraa kamiyyuu qabachuun dorkaadha #!

Kaameeraa, bilbila, fi k.k.f

Meeshaalee Ergaa karaa teknoolooji dijitaalaa fudhachuu fi erguu danda’an kamiyyuu (taableetii, kompiitara, laptooppii, bilbila, iPad, hard_disk, flash_diiskii kkf)

Qormaatni jalqabamee daqiiqaa 30 booda seenuun dhorkaadha. Akkasumas qormaatni jalqabame daqiiqa 45 osoo hin ta'in bahuun dhorkaadha.

Osoo qormaanni hin xumuramin kanneen bahan bookleeti gaafii qormaata qabatani bahuun dhorkaadha.

Sagantaa Qormaataa Ittiin qoramtan

Saayinsii_hawaasaatiif
26_28/1/2015 Seensa Yuunivarsitii
29/01/2015 guyyaa qajeelfamni itti kennamu

30/01/2015 hanga 02/02/2015 Guyyaa qormaataaa

Saayinsii Uumamaatiif
05_06/2/2015 Seensa Yuunivarsiitii
07/02/2015 Guyyaa Orenteeshiniifi Qajeelfamni itti kennamu

08/02/2015 hanga 11/02/2015 Guyyaa qormaataa

Share gochuun barattoota biraan nuuf gahaa


More @QarooMagazine

✤Join more news @QarooOnlineLearn
@QarooOnlineLearn

More news on YouTube





Share and Support your friend
346 viewsedited  19:32
Open / Comment
2022-09-25 22:32:28
#Kutaa12ffaa

Ramaddiin barattoota kutaa 12ffaa kan Naannoo Oromiyaa Dhaabbata barnoota ol-aanoo isaan itti qorumsa fudhatan guutun isaa suuraa armaan olii irraa argachuu dandeettu.

Barattoonni yuniversitii itti qoraman beekanii of qopheessuu qabu.

More @QarooMagazine
309 views19:32
Open / Comment
2022-09-25 22:32:27
#Kutaa12ffaa

Ramaddiin barattoota kutaa 12ffaa kan Naannoo Oromiyaa Dhaabbata barnoota ol-aanoo isaan itti qorumsa fudhatan guutun isaa suuraa armaan olii irraa argachuu dandeettu.

Barattoonni yuniversitii itti qoraman beekanii of qopheessuu qabu.

More @QarooMagazine
320 views19:32
Open / Comment
2022-09-23 13:40:12
Barattoota Kutaa 12ffaa Yuuniivarsiitii qormaata itti fudhatanirraa fageenya kiiloomeetira 50 ol imalaniif baasiin geejjibaa manneen barnootaafi aanoleen kan uwwifamu ta’uu ibsame.

Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa marsaa lamaan Fulbaana 30- Onkoloolessa 17, 2015tti kennamuuf qophiin xumuramuu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyaalessaa beeksise.

Maxxansa qormaataa dabalatee qophiilee barbaachisoon xumuramuu Daayrektarri olaanaan tajaajilichaa Dooktar Isheetuu Kabbadaan himaniiru.

Kaffaltii geejjibaa ilaalchisee barattoonni yuunivarsiitii itti qoramanirraa fageenya kiiloomeetira 50 gadirratti argaman baasii geejjibaa isaanii kan of danda’an ta’uu ibsaniiru.

Barattoota fageenya kiiloomeetira 50 olirratti argamaniif manneen barnootaafi aanaaleen haala kan mijeessan ta’uu dubbatan.

More @QarooMagazine

✤Join more news @QarooOnlineLearn
@QarooOnlineLearn

More news on YouTube





Share and Support your friend
679 views10:40
Open / Comment
2022-09-22 13:47:46 #kutaa_12ffaa

Barattoota kutaa 12ffaa maraaf

Qormaata seensaa bara 2014/15 gara mooraa itti ramadamnii yeroo imalan wanta qabachuu qaban, wantota hayyamamaniifi hin hayyamamne armaan gaditti isiniif ibsinee jirra.

Wantota qabachuun danda'amu
Uffata qorraa
Uffata Firaashii fi hirkoo
Nyaata qooraa
Uffataafi Boorsaa
Kaardii qorumsaa, Irsaasii, Laaphisii, Qalama, daftara yaadannoo, waraqaa qulqulluu, kitaaba

Wantoota qabachuu hin danda'amne

Wantota sagalee viidiyoofi suuraa waraaban.
Kaameeraa
Wantota sarara teeleenis ta'e sanaan ala ergaa erguufi fudhachuu danda'an,(Taabileetii, Laaptooppii, bilbila, Haard Diiskii, Filaashii Miimoorii)

Sagantaa

Barattoota Saayinsii Hawaasaa
26-28/1/205 Seensa Yuunivarsitii
29-01/2015 Oorenteeshinii
30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa


Barattootaa Saayinsii Uumamaa
05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii
07/02/2015 Oorenteeshinii
08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa

More @QarooMagazine

✤Join more news @QarooOnlineLearn
@QarooOnlineLearn

More news on YouTube





Share and Support your friend
2.1K viewsedited  10:47
Open / Comment