🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Waaqayyo fi Yesuus #Yesuus; ani 'nama' dha. [Yohaannis:- 8:4 | ͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

Waaqayyo fi Yesuus

#Yesuus; ani "nama" dha. [Yohaannis:- 8:40].
#Waaqayyo; "Ani Waaqayyodha" malee "nama" miti. [Hose'aa:- 11:9]

"Yesuus" "nama" yoo ta'e, Waaqayyo immoo "nama" yoo hin taane, "Yesuus" "Waaqayyo" miti jechuudha.

#Waaqayyo; "hamaadhaan hin qoramu"
[Yaaqoob:- 1:13].
#Yesuus; hafuura "hamaa" tokkoon qorameera. [Luqaas:- 4:2].

Waaqayyo hamaan "hin qoramu" yoo ta'e, Yesuus immoo kan qoramu yoo ta'e, Yesuus Waaqayyo "miti" jechuudha.

#Waaqayyo; "hin dadhabu" [Isaayyaas:- 40:28].
#Yesuus; "dadhabe". [Yohaannis:- 4:6].

Waaqayyoon "hindadhabu" yoo ta'e, Yesuus immoo kan dadhabu yoo ta'e, Yesuus Waaqayyo miti jechuudha.

#Waaqayyo "hin nyaatu" ykn "hin dhugu". [Faarfannaa 50:13].
#Yesuus "nyaata" "dhuga"
[Maarqos 24:42-43].
[Yohaannis 4:7].

Waaqayyo "kan hin nyaanne" fi "hin dhugne" yoo ta'e, Yesuus "kan nyaatu fi kan dhugu" yoo ta'e, Yesuus "Waaqa miti" jechuudha.