🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Gaazexaa Bariisaa ... ... Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo kan | Keebar Media Network

Gaazexaa Bariisaa
... ...
Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo kan jalqabaa yoo ta'u
guddina Afaan Oromootiif gumaacha guddaa godhe.
Gaazexaa kana seenaa ogbarruu Oromoo keessatti kan
adda isa godhu barreeffama eeyyama mootummaa
ergatee maxxanfame kan jalqabaa ta'u isaati.

Hundeeffama.

Bariisaan kan hundeeffame sirni fiwudaalaa Hayilasillaasee kufee Dargiin erga dhaabbatee waggaa tokko booda Fulbaana 11, 1975tti ture. Gaazexaa
Bariisaa kan hundeesse, kanarraas ka'ee Abbaa Bariisaa
jedhamuun kan beekkamu, Mahdii Haamid Muudee ture.
Namoonni isaan wajjin hirmaachaa turan kan jiran yoo
ta'u isaan keessaa muraasni Lammeessaa Booruu, Kuwee
Kumsaa, Ibraahim Hajii Alii fi Immiruu Angoosee fa'a turan.
Bariisaan jalqabarratti hanga gaazexaa 20,000
maxxansiisun raabsaa ture. Maallaqni ittiin gaazexaan
kuni maxxanfamu namoota dhuunfarraa kan walitti
qabamu ture. Sochii gaazexaa kanaatti kan hin gammadne mootummaan Dargii, Gurraandhala 1, 1977
gaazexaa kana dhaaludhaan harka mootummaa galche.
Gaazexaa kun Dargiidhan sababni inni dhaalame waan
lama. Tokkoffaa maallaqa gaazexaan kun ittiin
maxxanfamu sabboontota Oromoorraa kan funaanan
qopheessitoota gaazexaa kanaa waan ta'eef yoo ta'u kan
lammattaa ammoo qopheessitoonni gaazexaa kanaa Agarsiisa Aadaa fi Sirboota Oromoo 1977 waan
qopheessaniif sana haaloo ba'uuf ture. Erga Dargiin
dhaalamee booda maxxansi gaazexaa kanaa gadi
bu'uudhaan 5,000 qofa maxxanfamee rabsamaa ture.
Gaazexaan kun yeroo jalqabaa Qubee Saabatiin maxxanfamaa kan ture yoo ta'u 1991 as garuu Qubee Laatiniitin maxxanfamuu jalqabe. Qubee saabaa jechuun qubee yeroo ammaa afaan akka Afaan amaaraa, Gi'iizii,...... f kkf ittiin barreeffamaa jiraniidha.

madda; Kitaaba seenaa fi Qabsoo oromootaa. kan M/sa'id Abduramaaniin barreeffame maxxansa sadaffaa.

@keebarmedia