🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Ateetee ... ... Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchitu | Keebar Media Network

Ateetee
... ...
Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchitu yoo
taatu, kan ayyaneffatus irra caala dubartoota. Ayyaanni
Ateetee waggaati al tokko kabajama. Guyyaa ayyaana
Ateetee, dubartiin uffata addaa kan mataa isaa danda’ee,
Caaccuu fi Calleen kan jifaarame uffattee, dhangaa adda
ta’e nyaachisuudhan kabajji. Ateeteen yeroo Oromoon
dur akka Kuushiiti jiraataa ture (waggoota ca. 5500 dura)
jalqabame jedhameeti tilmaamama.

Akaakuu Ateetee

Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka
sadiitti qooddama:
Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)
Ateetee Hagayyaa (Ateetee Sanyii ykn Midhaanii)
Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii)

Ayyaanni kun ji’a Amajjii keessa kan kabajamu, kan
dubartiin ijoollee ofii Ateetee naqxee itti eebbiftuudha.
Haati ijoollee isiif dhangaa qopheessitee, kan deesse
hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti.
Guyyaa sana hortee haadha manaa sanaa kan ta’an
hundinuu tokkollee osoo hinhafiin, mana isiitti wal-
ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri
itti wal arguudha.

Ateetee Hagayyaa (Ayyaana Sanyii ykn Midhaanii)

Ayyaani Ateetee kunimmoo Gindii hiikoo ykn Ateetee
Midhaanii jedhama. Ayyaani kun ji’a Hagayyaa keessa
yeroo qotee-bulaan qonna raawwatee gindii hiikee,
midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti
dhaddoo mataatti maree eebbisee gad-dhiisudha. Kun
mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa
hundaarra deemudhaan seerri dhibaayyuu xumuurama.
Dhumaa irratti bakkuma dhibaayyuu sanatti gamtaan
taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii
galu. Walumaagalatti ayyaanni kun Ayyaana Sanyii
jedhama.

Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)

Ayyaanni Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii
Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii ji’a
Sadaasaa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu
dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee
booda, mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu)
wiirtuu dallawaatti dhaabudhaani. Bakki mukni itti
dhaabate kun sirritti erga jifaaramee booda sirni Ateetee
naquu kormoomsaa jalatti kabajama. Dallawaan loonii
guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin
kormoomsaa jalatti marqaa marqiti. Sirni dhibaayyuu
erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheesse qala. Dhiiga sana bitaa fi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalamee sun babbaqaqfamee miilafi mataa looniitti ni hidhama ykn ni marama. Kana booda dhangaan qophaa’eefi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumuura.

Wabi; sirna Gadaa Oromoo , dhumarratti kan baname
Sadaasa 25, 2014

Gulaalaa sirna barreeffamaa; Toofiq Ahimad