Get Mystery Box with random crypto!

Anaa fi smartphone; yeroon jalqaba bilbila harkaa bitadhu, bi | Keebar Media Network

Anaa fi smartphone;

yeroon jalqaba bilbila harkaa bitadhu, bilbiluu fi Sirboota afaan oromoo babbareedaa ittiin dhageeffachuu qofan beeka tura. bilbilee fira gaafachuun baayyee na gammachiisa ture. yeroon jalqaba bilbila bitadhe tokko akka arraattiin yaadadha hiriyaa kiyya kan yeroo dheeraaf gargar baane tokkoof bilbileen sagalee isaa ta'uu gaafaan baru mobile duraanii Nokia ishee suuraa hin agarsiisne sana akka waan suuraa isaa natti mullistuutti, "Hello....Hello....."
jechaa gurra kiyyarraa fuudhee ijaan yeroon ilaalu, hiriyaan kiyya inni cinaa kiyya dhaabatu, natti kolfee haga imimmaan fixachuu gahe. silas bilbiluu fi sirba dhageeffachuun ala waan biraa waan biraa waanan hin beekneef bilbilee fira haarawa yookiin isa afaan ammaatiin chiikii jedhan kana barbaadachuun shaakalaa ture. umriin kiyyaas yeroos saal-lammeessoo kana seenuuf jedha waan ta'eef, jechoota babbareedoo fiilmii gara garaa irraa kuufadheen, galgala galgala toora isaa eegaa, hamma birriin kiyya na odeessiste odeessaa ture. daa'imummaa kooti natti fakkaata haguman amma sobu kanallee sobuu hin beeku. ani barataadha. ani ilma hiyyeessaati. ans qaamni koo guutuun fokkisaadha........ qaamaan ani qabu keessaa kan namni baayyeen naaf dinqisiifatu rifeensa qofa, jechaaniin ture. kanuma keessa isheen tokko na jaalachuu hin oolle fakkaata. maal ishee qofa anis baayyeen jaaladhe. kan nama dhibu garuu bilbla qofaan wal jaalannee dhumarra qaamaan wal jaalachuu keenya. bilbila ishee namarraa fudhadheen bilbileef. erga xiqqo wal barre waliin jaalala bareedaa keessa turre waggaa lama booda maatiin ishee sababuma jaalala keenya jibbaniif biyyaa dhabamsiisan. garuma isheen seente barbaadee dhabeen garaa hidhadhee barnoota kiyya itti fufe. Adeemsa keessa bilbila isheen wal na barsiiste sanas haawultii keessa kaa'een bilbila booda dhufe smartphone kana bitadhe. yeroon waayee ishee yaadu, of dagachiisuuf fiilmiin ittiin ilaala, kitaaban ittiin dubbisa...... Maaltu akka kanaan himamee dhuma? smartphone iddoo bareedaan yaada ishee jalaa itti dhokadhu taatee na tajaajilaa turte. yeroo booda waan dulloomteef natti fakkaata na jeequ jalqabde. kanuma keessa akkuman jiraachaa jiruun eda galgala akkuma amala koo dhiyeenya kanaa Facebook kana ilaaluuf Bilbila kiyya ammaa kanaan online jedhan kana akkas seene. message nama amma "add" na gaafatu tokkoo shaniitu irra jira. gaafan argu confirm godheetiin akka nama rifatuu ta'aa bane. nama haaraadha anaaf. "akkam jirta? lubbuun numa jirtaa garuu? ....... Dhumarratti 0932..... naaf bilbili" jedha. anis data cufadheetiin eenyu akka ta'e baruuf bilbleef.
Sagaleen jalqabaa "hello"n waanan beeku natti fakkaattee dhuftee gurra na seente.
sagalee dubartiiti.
ana: eenyu jedhu giiftii koo?
ishee; Ati Toofiq natti fakkaatta.
ana; eeyyeen hin dogoggorre. garuu atihoo?
ishee: Sagalee kiyyaas wallaaltee Boonaa koo? jettee booche.
ana; maali? maaliif akkana taata? eenyu ati?
ishee; ana Iftuudha bareedaa koo.
Jaalallee tiyya waggaa shanan arraa adda baane sanaadha. dachiin na liqimsuu didde. gurra kiyya amanuun dadhabe. Deebiseen hello hello. jedhe. smartphone chaw chaw jette. shut down barreeffama jedhuun arge. ...... uuufffffff.. akkas na goote smartphone.

@ToofiqAhimad