Get Mystery Box with random crypto!

Nyaata aadaa Oromoo: Waaddii - foon muramee ibiddarratti waad | Keebar Media Network

Nyaata aadaa Oromoo:

Waaddii - foon muramee ibiddarratti
waaddame
Ancootee - nyaata baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallaggaatti beekkamu
Baaduu - aannan raasanii dhadhaan erga irraa
bahee booda baadun nyaataaf oola.
Marqaa - ummata Oromoo biratti marqaan
baayyee jalatamaa dha.
Caccabsaa - maxinoo kukkutyanii dhadhaa
baqsanii itti naquun qophaa'a
Qoocco - Qooccoon baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallagga keessatti
beekkamaa dha. Kun qoccoo kan ummata
Guraagee biratti baayyinaan beekkamu sana
miti.
Ittoo - Ittoon waan adda addaarraa qophaa'a:
muduraa, foon, midhaan ittoof ta'u kan akka
baaqelaa, daangulee, gaayyoo irraa qophaa'a
Buddeen (Buddeena) - buddeenni nyaata
ummanni Oromoo yeroo baayyee nyaatu yoo
ta'u ittoo ykn baadudhaan nyaatama.
Chuukkoo - a sweet flavor of whole grain
also known as besso; flavored with butter and
spices
Cororsaa - Cororsaan baayyinaan Oromiyaa
Dhihaa naannoo Wallagga keessatti nyaata
jaalatamaa dha.
Qorii - baayyinaan akaawwii garbuurraa
qophaa'a
Cuukkoo - Cuukkoon garbuu fi dhadhaarraa
qopha'aa. Cuukkoon nyaata baayyee
jaalatamaa dha.
Gorsoddoma - kun naannoo Shawaa Dhihaatti
(Gindabarat) nyaata beekkamu yoo ta'u
qamadii irraa qophaa'a
Cumboo; Cumboon nyaata aadaa Lixa
Oromiyaa,keessattuu Godina Horroo Guduruu
Wallaggaatti baay'ee beekamu dha.Cumboon
Xaafii diimaa irraa kan qophaa'u dha.Xaafii
diimaa furdisanii erga bukeessanii
booda,eelee beeddee fi eelee haadhoo erga
ho'isanii,bukoo qophaa'e sana eelee
beeddeerratti gadi naqanii qadaadu.Gaafa
bilchaatu baasanii baaduu irratti naqanii itti
cororsu(baqsu).Cumboon gaafa ayyaanaa fi
gaafa keessummaan(firri) dhufu qophaa'a.

Madda: nyaata aadaa oromoo Wikipedia

Toofiq Ahimad (mullisaa)