🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Maali? Anatu of wallaalemoo? Maalinni dubbiin akkasii? Ammas y | Keebar Media Network

Maali? Anatu of wallaalemoo? Maalinni dubbiin akkasii? Ammas yaadaan deddeebi’een of falme. Qaama gurmaa’ee biyya dhaanutu galgala kana magaala weeraree buufata poolisii booji’eera tayinnaa? jennee garaatti shakkuun keenyas hin hafne. Moo guyyaa guyyaa rakkina furuuf halkan halkan rakkina uumuu qabu Kan jadhutu seerri isaaniif jira tayinnaa? Yoo seerri akkasii isaaniif jiraate, kun dhugumaan seera jedhamuu danda’aa? Seerri tumamu tokko uumama yakkaaf sababamoo bu’aadhaa? Warri seera tumaniif warri seera hojii irra oolchan wal hin beekanii laata? Moo waa’ee seeraa isaan kana malee namni biraan hin beekuu laata? Kanaaf tayinnaa namni biyya keenyaa seera wallaalee mirgaaf dubbatee kan adabamu? Moo mirgaaf dubbachuun seeraa? Namoonni baadiyaa rakkoo isaa furachuuf qaama rakkoo uumutti himatu kunimmoo maali? “Rakkataan ulfa fuudha” isa jedhan sana filannoo biraa waan hin qabneef ta’aa laata? Garuu maaliif filannoo dhabuu? jedheen gaaffii deebii hin qabneen mudannoo nu qunname waliin of burjaajesse.

Barreessaa(Guutaa Rabbirraa) kana baayyeen dinqisiifadhe!.
"Milluu miliquu" ti.
Dubbisaa!