Get Mystery Box with random crypto!

#seera Fiigichaan laga buutee Tabbas ta,u baatee Ollaas ta,u | Keebar Media Network

#seera

Fiigichaan laga buutee
Tabbas ta,u baatee
Ollaas ta,u kadhattee
Yookaanii bitattee
Birmannaa biyya kanaaf
Osoo waa dubbattee!

Eeguuf olaantummaa kee
Ol kaasuuf kabaja kee
Namatu hidhama
Dhiigatu bishaanomaa
Mee maaluma yakke
Naaf himikaa Amma!

Qixoo haadha qixaa
Maaliif lafa lixxa?
Maquma kee waamee
Namnoo nama fixaa
Tumee susukkuumee
Lafa jalaan lixaa

Ani kanan beeku

Yakkaan yoo rakkinellee
Situ murtee laata
Irrummaan yoo dhufellee
Situ nuuf birmata
................................
Iyya dabarfattee moo
Miidiyaan labsattee
Tuffatameera jette moo
Imimmaan bubuustee
Maaliif uleen siif jettee
Rakkootti nu kuuste?

Mee waa dubbadhuu
Dafii waa hojjadhu!
Hin gaadiddaa,inii
Aangoof harka keetiin
Shirri hin shirinii!
Ol jedhii falmadhu!
Daangaa aangoo keetii
Dhiigaan sararadhu!

Ana miti beeki
biyyatu dhaamaaraa
Dhiiga haadha hiyyeessaa
Hin dhugin hadaraa!