Get Mystery Box with random crypto!

'Ani biyya kana jiraachuun naaf hin malu. Biyya itoophiyaa jed | Keebar Media Network

"Ani biyya kana jiraachuun naaf hin malu. Biyya itoophiyaa jedhamtu kana dhiisee baqadhu malee boqonnaa hin argadhu". Jechaa gaaddisa mukaa jala teessee ofiin haasofti. Maal intalli bareedduun kophaa teessee ofiin haasoftu? Jedheen itti goree
'nagaa bultanii?' Jedheen.
'Nagaan hin bulle'.
'Maal taate?'
'Na gargaaruu dandeessaa?'
'Nan yaalatii himadhu mee maaltu akkanatti si gaddisiisaa jira'?
"Ani nama kabajaati. Kabajni ilma namaas ta'ee kan bineensotaaf ilbiisotaalleen akka jiraatu godhuufin uumame. Ilmi akka abbaa fi haadha isaas dabalatee haadha manaa isaa kabaju, intalti abbaaf haadha, abbaa manaa fi hiriyaa akka kabajju, ollaan ollaa isaa akka kabaju, namni bineensa akka kabaju- bineensi nama, namni-nama akka kabaju gorsaan oola. Barsiisaan bula. Boqonnaa maleen hojjadha. Guyyaa tokkollee dadhabe jedhee boqonnaa fudhadhee hin beeku. Osoon dhaabadhee hojjadhuu ifni dukkanee, dukkanni ifee-birraan bona, bonni arfaasaa, arfaasni gannaan dabaree wal dabarsaa oola. Ajajni koos barnoonni koos jireenya jaalalaa fi gammachuu akka jiraatan godhuu qofa. Kanumaafi kan ani namoota hoji dhabeeyyii biyya Teenya keessa jiran baayyeef hojii uumee-akka isaan anas gargaaraa jireenya isaaniis fooyyeeffataniif mindeesse. Daangaan hojii kootiis biyya guututti waan ta'eef namoota miliyoonaan lakkaa'amaniif hojii uumeen hojjachiisaa ture. Maal qabaree? amma lubbuu koo balleessuurra ga'anii jiruu. Namoonni ani mindeesse irra baayyeen ajaja koo dagatanii maqaa kootiin daldaluu, sagaggaaluurra darbanii hatuullee eegalaniiru. Ani namas ta'ee bineensa ajaja koo, barnoota koo kana cabse adabbii anatu laataafii qabaa fidaa jedheen bobbaasa. Isaan garuu ofuma isaaniitiif uleen reebanii, dhiitanii kuffisani,
ol-dhaabanii kabalanii- kan laafee ollaa du'aa ga'e fidanii fuul-dura koo dhaabu. Maqaa kootti dahatanii humnaan nama miidhaa jiru. Kan isa tokkoo keessattuu arra baayyee na aarse. Baayyee nama dhiba. Inni kun isan sirriitti amanu-qondaala ol-aanaa, abbaa dhiiga dhokatee dhangala'eef wabii ta'ee tajaajiluudha. Kaleessa ganama intalti ganda keenyaa tan abbaan manaa ishee miidhaa cimaa irraan gahe san himannaaf isa bira dhuftee akka turte galgala dhufee naaf gabaasee ture. Anis jabaadhuutii gargaari. Miidhama isii erga barte booda ragaa waliin naaf fidi! Anatu abbaa manaa ishee kanaaf adabbii laata jedheen gaggeesse. Innis yeroo saniif tolee jedhee bahe. Anis waayee dhimma kanaa gaafachuuf arra ganama biiroo isaa akkuman deemeen akka inni intala sagaggaalaa jiru argee, alatti gadi fiigee wardiyaa waamee akka inni mana adabaatti isa geessu ajaje. Akkuma qabee baaseen balbala duratti wardiyichaaf maallaqa(mattaa'aa) kenneefii baqatee magaalaa keessa na harkaa bade. Kanaaf ani kabajni koo badeera waan ta'eef biyya kana
gad-lakkiseen deema. Du'eera waan ta'eef du'aatti as jiraachuun anas hawaasa kanas hin fayyadu". naan jette.
Anis "daandiin siif haa salphatu" jedheen eebbisee nagaas itti dhaame.

#Seeratti.

Barreessaan Toofiq Ahimad.