🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

#Haala salphatti akka isin jalaa eenyummeessaa keessan hin cab | 💻 Barannoo Tech 💻

#Haala salphatti akka isin jalaa eenyummeessaa keessan hin cabsine yoo barbaaddan #tartiiba armaan gadii hordofaa:

• Jecha Darbii yoo uumtanis ta’ee yoo jijjiirtan baay’ina isaa 8 gadi ta’uu hin qabu.

• Jecha darbii keessan namni biraa tasuma arguus ta’ee beekuu hin qabu. Keessattuu yeroo nama giddutti bantan yoo saffisaan barreessuu hin dandeessan ta’e, namootni akka isin irraa siqan gaafachuu qabdu. icciitii cimaa waan ta’eef.

• Jechi darbii makaa Qubee(A, b, c..), lakkoofsa(1,2,3…) fi mallattoolee addaa kanneen akka(!,@,#,$,%.^,.,&,*,fikkf) of keessaa qabaachuu qaba. fkn: Az0o!2324

• Jechi darbii isin fayyadamtan kan salphatti hin tilmaamane ta’uu qaba. Keessattuu ragaa odeeffannoo keessan ofkeessaa qabu osoo ofkeessaa qabaachuu
baatee filatamaadha.

• Jecha darbii keessan yoo jijjiirtan eenyummeessaa
keessan keessaa baatanii(ba’i ykn Logot) gootanii osoo
jecha darbii haaraan seenuun filatamaadha. keessattuu
Eenyummeessaa akka Facebook fa’a #LOGOUT ACTIVE Account jechuun iddoo hundaa akka cufamuuf
eenyummeessaa keessaniif sodaa qabdan waan
balleessuuf hedduu barbaachisaadha, fayyadamuun ni gorfama.

#Walumaagalatti: Jechi darbii murteessaafi icciitii abbaan
eenyummeessichaa qofti beekuu qabu waan ta’eef”:

#Jabaa ta’uu qaba.

#Namni biraa salphatti kan hin tilmaamne ta’uu qaba.

#Yoo xiqqaate baay’inni isaa dijiitii 8 ol ta’uu qaba.

#Ofii keessaniif salphatti kan yaadattan ta’uu qaba.

#Maqaa dhuunfaa ta’uu hin qabu Mallattoolee(!@#$%^…), Lakkoofsota(12345..) fi Qubeen
(abcd…) walitti makuudhaan banachuu qabdu. Fkn
Oromoict@pa$$word!


#oroict #itti fufa..