Get Mystery Box with random crypto!

Barattoota qormaata kutaa 12ffaa barana qoramtan hundaaf! Bar | Biiroo Barnoota Oromiyaa(Oromia Education Bureau)

Barattoota qormaata kutaa 12ffaa barana qoramtan hundaaf!

Barattoonni qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaannoo ykn kan kutaa 12ffaa barana qoramtan hedduun karaa keessaan qormaatichi yoom akka laatamu nu gaafachaa jirtu.

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo hanga ammaatti guyyaa qormaatichi laatamu ifa hin goone. Nutis gaaffii keessan qabanne dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo argachuuf yaalii gooneen dhiyeenyatti ifa akka ta'u nutti himameera.

Kanaaf Ministeerichi ifatti ibsa laachuun hanga beeksisuutti odeeffannoo isin burjaajeessanif gurra laachurraa of qusattanii qophii xumuraa gochaa obsaan akka eeggattan dhaamsa dabarsu barbaanna.

¤ Dhimma kana ilaalchisee odeeffannoo haaraa yeroo argannu isin biraan akka geenyu gamanumaan ibsu barbaanna.

@BirooBarnootaOromiyaa
@BirooBarnootaOromiyaa