Get Mystery Box with random crypto!

Ijji gara Waaqayyoo ilaalu saalfidhaan deebi'ee lafa hin ilaal | Getu Official

Ijji gara Waaqayyoo ilaalu saalfidhaan deebi'ee lafa hin ilaalu. Dhugaadha obboleessa koo (obboleettii koo) ati dhalootaaf eebba taata malee hin saalfattu. Ni eebbifamta. Ofirra darbitee dhalootaaf taata.

⁃ Ati garuu cimi! Abdii kutuun gonkumaa yaada kee keessatti hin argamin!
Wanti har'a mul'atu bitaa namatti kan galu yoo ta'e illee, taatee haala yeroo ilaaltee hin raafamin! Haala hundumaa keessatti jabaatee kan dhaabatu galma ni gaha.

⁃ Wanti gaariin siif ta'u yeroo isaatti wal guuree dhufa.
Maaliree yaaddoon?
Maaliree dhiphachuun?

⁃ Yeroo hundumaa haala kamiyyuu keessatti gammadaa ta'i! Yeroon milkaa'ina keetii dhihoo dha.

⁃ Karaan qajeelaan siif ta'u, namni kamiyyuu si jalaa fudhachuu hin dandeenye jira.

"Ati si'achi hin qaanoftuutii hin sodaatin! Ati si'achi yeellaasifamtee lafa hin ilaaltuutii hin na'in!"
— Isaayas. 54:4

Guyyaan kuni guyyaa moo'ichaa siif haa ta'u!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ