Get Mystery Box with random crypto!

SITU NAGAA DHA! Osoo siin walii hingalin Eessa jiraree nagaan | Getu Official

SITU NAGAA DHA!

Osoo siin walii hingalin
Eessa jiraree nagaani
Ati jaalalaan moote
Sibira hin jiru hammeenyi


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Cabaan sibiratti fayya
Ati hin miitu dhaloota
Dadhabaan jooraa ta'e
Barruu keetti boqota


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Situ nagaadha hundaaf
Hin jiru qixxeen kan kee
Dhaadannoo amansiisaa
Hundaan oli teessoon kee
Ati nagaa buusuudhaaf
Itti dhiifte ulfina kee
Ajjeeftee osoo hin ta'iin
Lubbuukee laatte ofiikee


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Toorri nagaa simalee
Hin jiru bara kamuu
Ogeessi isaaf gale
Barruukeetti of haakennu


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Beekaan waltumsee ka'ee
Yoo qorate waamara
Osoo siin walii hin galiin
Nagaan eessuma jiraa


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Qaroominni ammayyaa
Yoo baayyatee ol ka'e
Nagaa fiduu hindanda'u
Siin ala fala ta'ee


¨¨¨'''''''''''''''''''''''''''''¨¨¨

Ati nagaa dhalootaati
Nagaa isa barabaraa
Dhaloota sitti of kenne
Situ du'a baraara!


Nagaadha ati Yesuus!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ