Get Mystery Box with random crypto!

WAAN MACAAFNI QULQULLUUN HIN JENNE HIN JECHISIISIN! ════❖• •❖═ | Getu Official

WAAN MACAAFNI QULQULLUUN HIN JENNE HIN JECHISIISIN!
════❖• •❖════
➥ "Waanuma ani si abboome of eeggadhuutii godhi malee, isa irratti hin dabalin, irraas hin
hir'isin!" Kes. 12:32.

■ Macaafa qulqulluu namoonni tokko tokko gatii xiqqootti ilaalu. Kun immoo amma macaaficha hubachuu dhabuu irraa waan dhufudha. Sarara
dubbichaatti galuu osoo hin taane, macaaficha sarara mataa isaanitti "edit" gochuu
barbaadu. Dhugaan jiru akkas miti.
➛ Macaaficha "edit" godhuu osoo hin taane, macaaficha ittiin jireenya ofii "edit" godhachuutu irra ture.

■ Macaafni kun waan akka salphaatti dhaloota amma kana harkaa waan gahe
fakkaata. Garuu akkas miti.
➛ Ibidda meeqa, galaana meeqa qaxxamuree dhufe dhaloota jaarraa 21ffaa kana harka gaheera. Nuti dhaloonni isa nu harka gahe kana amma isaa waan hubanne natti hin fakkaatu.
➛ Baay'een waan macaafichi hin jenne jechisiisee ittiin daldala mataa isaa gaggeeffachuuf wixirfataa
jira. Isa macaafni "mirga" jedhu "bitaa" jedha osoo hin qaanfatin.

■ Macaafni kun yoomiyyuu
caalaa waan dhaloota amma jiran harkatti gatiin isaa waan gadi bu'e natti fakkaata. Osoo gatiin macaafichaa dhaloota kana harkatti gad hin buune ta'ee, waan macaafichi hin jenne hin jechisiisu ture dhaloonni kun.
➛ Jaallattus jibbitus Waaqayyoo nama akka mataa isaatti uume caalaatti sagalee isaaf iddoo guddaa qaba.

■ Kana qofa mitiyyuu, sagalichi matuma isaan Waaqayyoodha. Na dhageessaa maaloo, gaafa
macaaficha gara siif tahutti "edit" gochuuf yaaltu Waaqayyoo "edit" gochuuf yaaluu kee hin dagatin! Waaqayyoo immoo waaqa "edit" godhan osoo hin taane waaqa "edit" nama gochuuf humna guddaa qabudha.

➛ Waaqayyoo kophaa isaa waaqa of danda'adha. Ammas irra deebi'een jedha, macaafni qulqulluun macaafa jireenya ofii ittiin "edit" godhatan malee, macaafa "edit" godhan miti. sababni isaa immoo macaafni
qulqulluun matuma isaan 100% waan hundumaan guutudha.
Foon keenya kanaan jiraachuuf kan barbaachisu, nyaata nuti guyyaan soorannudha. Nyaata kana immoo akka malee nyaachuun, akka malee ta'uudha.

➛ Nyaanni hafuuraa inni dhugaan, kan sobni keessa hin jirre, kan dhugaan dhugaadha
jedhu, kan sobaan soba jedhu, macaafa qulqulluudha. Akkasumas macaafa qulqulluutti akka malee yoo itti fayyadamne miidhaa guddaa qaba. Akka malee jechisiisuun, akka malee tahuudha. Yoos maaliif waan macaafichi hin jenne jechisiifna ree?

➛ Galaanni guddaan waraabamee hin dhumne macaafa qulqulluudha. Galaana waraabamee hin dhumne kanatti waan daballus waan hir'ifnus hin qabnu. Macaafa qulqulluutti dubbii mataa ofii dabaluun kan nuuf hin taane keessaa hir'isuunis waan macaafni qulqulluun hin jenne jechisiisudha. Kuni immoo ulfina Waaqayyootti bu'uudha. Waaqayyoo immoo ulfina isaa eenyuf iyyuu hin kennu.

➛ Macaafni qulqulluun akka ilaalcha nama tokko tokkoo waanuma namni fedhii fi yaada mataa isaa achi keessa ka'ee miti.

■ Waa'ee barreeffama macaafa qulqulluu ilaalchisee waan lama hubachuun barbaachisadha.

➀. Macaafni qulqulluun waan Waaqayyoo afaan isaan dubbatee fi

➁. Macaafni qulqulluun waan Waaqayyoo akka barreeffamuuf fedhe of keessaa qaba. Kanaaf waan Waaqayyo dubbatee barreeffamee fi akka
barreeffamuuf fedhe alatti jechisiisuun ulfina Waaqayyootti bu'uudha.

"Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira."
— Mul. 22:19


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ