Get Mystery Box with random crypto!

WAA'EE MACAAFA QULQULLUUF BEEKTONNI WAAN JEDHAN: ════❖• •❖════ | Getu Official

WAA'EE MACAAFA QULQULLUUF BEEKTONNI WAAN JEDHAN:
════❖• •❖════
➊. "Macaafni qulqulluun cubbuu irraa si eega yookiin cubbuun macaafa qulqulluu irraa si eega."
— Lallabaa Wangeelaa Dwight L.Moody

➋. "Ani kanan hubadhe kennaa guddaan Waaqayyoo namootaf kenne macaafa qulqulluudha."
— Peresendaanti Ameerikaa 16ffaa Abirahaam Liinkon

➌. "Addunyaa kana irraa warra faallaa Waaqayyoo haasa'an kan amansiisu dhugaa macaafa qulqulluu keessa jirudha."
— Fiizistii Ayizaak Niwutoon

➍. "Jijjiirama keenyaaf, saffisa qaroomina keenyaaf, bilisummaa keenyaaf bu'uura kan ta'e macaafa qulqulluudha."
— Perezedaantii Ameerikaa 18ffaa Yuulises S.Giraanet

➎. "Waaqayyoo fi Macaafa qulqulluu malee Addunyaa kana sirriitti gaggeessuun hin
danda'amu."
— Perezedaantii Ameerikaa 1ffaa Joorji Washington

➏. "Furtuun jireenya biyya lafaa fi waraqaan eenyummeessaa jireenya bara baraatti galchuu
qajeelfamoota macaafa qulqulluu eegudha."
— S.Mark

➐. "Kanan yaadu, kanan barreessu, kanan dubbadhu akka qajeelfama macaafa
qulqulluutti ta'uu qaba."
— Muummee Ministeera
Ingiliz Wiliyaam Gilaadiston

➑. "Tv irraa fiilmota ilaaluuf sa'aatii 3:00-5:00 yeroo qabaannee, garuu macaafa qulqulluu dubbisuuf daqiiqaa sadii hanga shanii waan hin qabneef guddachuu dhiisuu keenya nama hin ajaa'ibu."
— Barsiisaa fi barreessaa Marqoos Yaadataa

➒. "Macaafa qulqulluu gara ofii keetti galchuu irra, ofii keetii gara macaafa qulqulluutti gali!"
— Paster Girmaa Hayiluu

➓. "Macaafa qulqulluu akka buddeenaatti, kadhannaa akka ittootti yookiin waxiitti itti fayyadamuun jireenya keef bu'uura guddaadha."
.
.
.
Eebbifamaa


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ