Get Mystery Box with random crypto!

Ejjummaan Maali? Waa'ee Ejjaa Macaafni Qulqulluun Maal Jedha? | Getu Official

Ejjummaan Maali? Waa'ee Ejjaa Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?

❏ Egaa akkuma beekamu "hin ejjin!" kan jedhu abboommii Waaqayyoo keessaa isa tokkodha. Garuu baay'een namootaa abboommii kana eegun baay'ee itti ulfaachuun yeroo abboommii kana cabsan ni jira. Inni kun immoo gurraan dhaga'anii garuu gonkumaa abboommichatti hin fayyadamne jechudha.

❏ Ejjuu jechuun fedhii ofiitiif bakka kennanii wanta xuraa'ummaa, akkasumas waaqayyoon kan hin gammachiisne raawwachuu jechuudha. Ejjuun waaqayyoon duwwaa gaddisiisuu qofa osoo hin taane namoota biroo illee gaddisiisuunis ni jira. Fakkeenyaaf dhiirri tokko yookiin shamarri tokko abbaa manaa yookiin jaalallee amanamaa tokko osoo
qabduu/qabuu dhoksaadhan ija wal laguudhan kan biraa faana gocha xuraa'ummaa
raawwachuu jechuudha.
Yeroo sanatti abbaa manaa ishee yookiin haadha manaa isaa gaddisiisuu danda'a.

❏ Mee macaafni qulqulluun maal jedha?
Fakk. 5:1-23 "Yaa ilma koo dubbii ogummaa kootii dhaggeeffadhu! Gurra kee gara wanta ani hubannaadhan dubbadhuutti qabi! Yommuus dubbii gargar baasuu ni dandeessa dubbiin afaan kees beekumsa in ta'a. Hidhiin dubartii ejjituu damma coccobsa. Haasan afaan isheetii akkuma dhadhaati. Namas hin quuqu. Dhuma irratti garuu akka hadhooftuu akka billaa gara lamaan qaramees in taati. Miilli ishee gara du'aatti gadi bu'a. Ejjannaan ishees gara iddoo lafa jalaatti in geessa. Ati akka waa'ee karaa jireenyaa akka hin beeknetti daandiin ishee geggeedaramaa adeema.

❏ Egaa yaa ilmaan koo mee na ga'aa wantan afaan kootin dubbadhu irraa hin jal'atinaa! Karaa kee ishee irraa fageessi! Balbala mana isheettiyyuu hin dhiyaatin! Yoo kana eeggachuudhaa baatte ulfina kee namoota biraatif, bara jireenya kees nama gara jabeessaf kennuu keeti.
Qabeenya kee ormatu nyaata dadhabbiin kees mana alagaa in sooromsa.

❏ Dhuma bara jireenya keetii foon kee fi dhagni kee yommuu gadi dhumu in aadda. Ati ani attamittan gorsa jibbe, garaan koos attamitti adabamuu tuffate! Ani barsiisa kootiif hin
abboomamne, gurra koos gara warra na gorsaniitti hin qabne.
Guutummaa walga'ii waldaa keessatti hamma xinnoofan wanta hamaa hundumaa keessa lixee oole in jetta. Boolla bishaanii kee keessa bishaan boolla ija bishaanii kee keessas bishaan yaa'u akka dhugdu (haadha manaa kee ishee jaalala siif burqisiiftutti gammadi) burqituun kee
bakkee keessa bishaan lagaa kees karaa keessa haa tamsa'anii ree? Isaan si duwwaadhaf malee orma warra si wajjin jiraniif hin ta'an!

❏ Burqaan kee ebbifamaa haa ta'u! Haadha manaa qeerrummaa keetii wajjin gammadi! Isheen jaallatamtuu akka borofaa simbo qabeettii akka kurupheetis, harmi ishee yeroo hundumaa si haa gammachiisu! Jaalalli ishees laphee si haa coru! Yaa ilma koo maalif dubartiin dubartii ormaa laphee si corti? Maalifis haadha manaa namaa hammattaa? Karaan namaa guutummaatti Waaqayyo dura jira. Inni daandii nama hundumaa in ilaala.


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ