Get Mystery Box with random crypto!

❏ Namni jal'aan hojii hamaa hojjatetti in gala. Funyoo cubbuu | Getu Official

❏ Namni jal'aan hojii hamaa hojjatetti in gala. Funyoo cubbuu isaatiinis in qabama. Inni gorsa waan dhabeef in du'a. Guddinni gowwummaa isaatis karaa irraa isa in kaachisa.
Fakk.6:20-35 "Yaa ilma koo abboommii abbaa keetii eegi! Barsiisa haadha keetiis hin tuffatin! Garaa kee keessa kaa'adhu! Morma keettis hidhadhu! Yommuu ati deemtu karaa si agarsiisa. Yommuu raftu si eega! Yommuu dammaqxu si haasofsiisa.

❏ Abboommiin kun ibsaadha. Barsiifni kunis ifa. Ifni adaba karaa jireenyati. Inni dubartii
hamtuu irraa dubartii ejjituu ishee afaanin namatti kuultu irraas si eega. Garaan kee miidhagummaa ishee hin hawwin! Ijji ishees si hin booji'in! Dubartii halaleen buddeena tokkoon qacaramti. Isheen abbaa manaa qabdu
garuu nama qabeenya qabu in adamsiti. Namni dachaa wayyaa isaatii keessa ibidda in
kaa'ataa ree? wayyaan isaas utuu hin gubatin hafuu danda'aree? Yookiin namni barbadaa giimii irra yoo ejjate miilli isaa utuu hin gubatin hafuu danda'aree? Namni haadha manaa nama biraa dhaqu akkasuma ta'a. Namni ishee bira ga'es utuu hin
adabamin hin hafu. Hattuun yommuu beeloftu beela ba'uuf yoo hatte, namni ishee hin tuffatuu laata? Yoo qabamte garuu wanta isheen manaa qabdu hundumaa yoo gaaga'e iyyuu dachaa torba baasutu isheedhaaf ta'a mitii ree? Namni ejju qalbii hin qabu. Namni kana godhu of in
balleessa. Madaa'unii fi salphachuun isa in argata. Ga'oonis raawwatee isa irraa hin badu. Hinaaffan abbaa manaa in aarsa. Gaafa ija
baafatus hin oo'uf. Fureen tokko illee isatti hin
tolu. Gabbarri hammamii iyyuu isa hin gammachiisu.

❏ Egaa Waaqayyo nu haa gargaaru. Dhaga'uu qofa
osoo hin taane ittiin jiraachuf.
Wanti yeroo muraasaf biyya lafaa irratti nu gammachiisu, mana keenya isa olii isa umurii
guutuu itti jiraannu isa qulqullummaan guute akka
nu hin dhabsiifneef foon keenya moo'un gahee keenya haa baanu!

Eebbifamaa obsaan dubbisuu keessaniif isinan jaaladha!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ