🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Waaqayyo Akka Milkooftu Barbaada! “Waaqayyo immoo hojii isaa | Getu Official

Waaqayyo Akka Milkooftu Barbaada!

“Waaqayyo immoo hojii isaa wal in qixxeesseef.”
— 2Sen. 26:5

Gaaffilee kanneen yaadaan qabi! Amanamummaadhaan deebisi!

➊. Yeroo tokkotti milkaa'aa ta'uu fi hafuuraan guddachuu akka dandeessu ni amantaa?
Namoonni tokko tokko hiyyummaa akka waan carraa dhumaa fi dhabdummaatti ilaalu, namoota milkaa'oo immoo warra akka namaatti hin yaadne akka ta'aniitti yaadu. Miti! "Uziyaan gara waaqaa ilaale Waaqayyo immoo hojii isaa walqixxeesseef"
Milkaa'inni, ol baatee warra kaan akka gadi ilaaltu si hin taasisu, namoonni milkaa'an yommuu dubbatan, kanneen biroo immoo ni dhaggeeffatu. Gaggeessitoonni akka Yoseef fi Daaniel namoonni abdii isaanii Waaqayyoo irra akka kaa'atan dhiibbaa godhan. Nuti ergaa addaa abdii of keessaa qabu namoonni biroo dhaga'uun isaan barbaachisu qabna. Garuu karaa isaan ittiin dhaga'an yoo hin mijeessine akkamitti dhaga'u?
(Rom. 10:14-17). Qophiin karoora keetii gadi bu'aa yoo ta'e isa caaluuf kadhadhu! jireenya kee keessatti caalatti itti milkaa'uuf karoorsi!

➋. Milkaa'uu Ni Sodaattaa?
Dhiibbaa jiruu fi jireenyaa fi gatii baasuun sirra jiru baasuu qabda. Gaggeessummaan kophummaa fi tarii immoo namoota baay'ee waliin jiraachudha. Yookiin gadi bu'uu fi deebitee olka'uuf sodaachuudha. Thomas Edison waa'ee milkaa'ina isaa yoo gaafatamu, "yommuu namoonni biroo dhiisee deemu ani nan jalqabe" John Foster Dulles, barreessaa U.S. duraanii akka jedhetti, "madaalliin milkaa'inaa rakkina irratti cimina qabaachuu kee miti garuu, rakkoo walfakkaataa bara darbe waliin qabdamoo" kan jedhuudha. Paul akka barreessetti, "gadi bu'uu dandeenya! Garuu, deebinee kaanee adeemsa itti fufna."
“In ari'atamna, garuu hin gatamnu; lafaan dha'amna, garuu achumatti hin hafnu.”
— 2Qor. 4:9

➌. Karaa Amma Irra Jirtutti Gammachuu Qabdaa?
Yoo quubsaa ta'uu baate, jireenya keetiif itti gaafatamummaa fudhadhuu daandii amantu deemuuf tarkaanfii jalqabi!
Dhuma iratti, namni tokkichi karaa Waaqayyo si barbaadu irra deemuu si dhoorkuu danda'u - suma.
Waaqayyo akka milkooftu barbaada.


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ