🔥 Burn Fat Fast. Discover How! 💪

Namni tokko Qulqullummaa dhaan Jiraachuuf Maal Gochuu Qaba? - | Getu Official

Namni tokko Qulqullummaa dhaan Jiraachuuf Maal Gochuu Qaba?

- Qulqullummaan maali?
- Qulqullummaan kan akkamiiti?
- Maal irraa qulqullaa’u?

❏ Qulqullummaa gaafa jedhamu, jireenya gadhee ta’e jiraachuu irraa of baraaruun jireenya qajeelaa fi fayya qabeessa keessi keenya yeroo hundumaa itti gammadu jiraachuu dha. Namni kamiyyuu lafa kanarra lubbuudhaan hamma jiraatutti jireenyi isaa karaa gadhee ta’e irra akka deddeebi’u hin barbaadu. Maarree maaltu jal’inatti nama geessee walirratti ka’uu fidee namni dugda walitti garagalchee?

❏ Obbolee koo namni biyya lafaa buufatee itti tolee qulqullummaatti jiraachuu hin danda’u.

❏ Dubbiin dhugaan hundumaa walitti araarsuu danda’u sagalee Waaqayyoo dhaga’uu fi akka isaatti jiraachudha. Qulqullummaan namni hundi barbaadu inni dur ture, inni amma jiru, darbees bara baraan jiraatu isuma keessaa argama.
❏ Garaa Qulqullummaa namni qabu:
➬ Gammachuu qaba!
➬ Ni milkaa’a!
➬ Kabaja qaba!
➬ Jireenyi itti tola!

Waaqayyo biraa kabaja hin dhabin!


sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ✧sʜᴀʀᴇ
@Getu_Official
@Getu_Official
ᴊᴏɪɴ