Get Mystery Box with random crypto!

Maalitti Gadditee Jirta laata? Maaltus Abdii si kutachiise? C | Getu Official

Maalitti Gadditee Jirta laata? Maaltus Abdii si kutachiise?

Caaffata qulqullaa'aa keessaa kutaa Filp.4:4 yeroo hundumaa jireenya guyyaa guyyaa kee keessatti yaadadhu!

⁃ Lafa kana irratti nama taatee uumamuu keetti yeroo hundumaa gammadi!
Gammaduudhaaf sababa biraa in barbaadin! Lafa kana irratti argamuu kee qofaaf gammadi! Argachuu fi dhabuudhaan of hin madaalin! Maddi gammachuu dhugaa eessayyuu hin jiru. Onnee kee keessaa burqa waan ta’eef.

⁃ Gammachuun inni sirriin qabeenya baay’ee qabaachuu yookiin dhabuu irratti hin hundaa'u. Waanuma nama taatee argamteef gammadi! Waaqa isa waan hundumaa uumee jiraachisutti gammadi!
Yeroo hundumaa gammachuu qabaachuu keetiin Abdiin kee ni haara'a!


@Getu_Official
@Getu_Official